Leenjiin Gaggeessaa Bu’uuraa Naannoo Hamma Aanaatti Kennamaa Ture Milkaa’inaan Xumuramuun Ibsame

95

Hagayya 07/2011- Naannoo Oromiyaatti leenjiin gaggeessaa bu’uuraa naannoo hamma aanaatti kennamaa ture milkaa’inaan xumuramuun isaa ibsame.

Biiroon dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa har’a miidiyaaleef ibsa kenneen akka beeksisetti leenjichi marsaa garaa garaan Godinaalee, Bulchiinsa Magaalotaa Aanoolee fi Gandoota Oromiyaa keessatti argamaniif kennameera.

Leenjichi hooggansa sadarkaa naannoo hanga gandaa jiran kuma 80 ta’aniif kennamaa Kan ture ta’uu hoogganaan Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Admaasuu Daamxoo ibsa kennanii jiru.

Leenjichi mata dureewwan  Qabsoon Oromoo fi Adeemsa Jijjiiramaa,  Qabsoon Oromoo fi Adeemsa Jijjiiramaa,  Ijaarsa Sirna Federaalizimii Sabdaneessaa,  Maalummaa Hoggansa Jijjiiramaa fi Qabsoo Misooma,  Dimokraasii fi Nageenyaa irratti kenname, Saayinsii Hooggansaafi Siyaas-dinagdee Gaanfa Afrikaa fi Agarsiistuu Isaa, Dinaagdee jedhan jaha irratti kennamaa kan ture ta’uus dabalanii ibsaniiru.

Oromoo fi Haala Dinaagdee Addunyaa fi Gaggeessummaa Siyaasaarraatti xiyyeeffatee kennamaa akka ture ta’uus ibsa kennamerraa hubachuun danda’ameera.

Kaayyoon leenjichaas Jijjiirama sadarkaa hundatti lafa qabsiisuu,
fedhii fi faayidaa hawaasaa sadarkaa ol’aanaan mirkaneessuu,
miira tajaajiltummaa gonfachuun rakkoo bulchiinsa gaarii furuu,
hirmaannaa fi fayyadamummaa ummataa guddisuun ajandaawwan misoomaa, nageenyaa fi dimokiraasii milkeessuuta’uus obbo Admaasuun himaniiru.

 
Kana malees humna raawwachiisummaa mootuumaa fi paartii sadarkaa gandaatti cimsuun gaaffiiwwaan misoomaa, bulchiinsa gaarii fi kenniinsa tajaajilaa ummatni keenya qabu deebii waara’aa akka argatu gochuu,  hoggansa cimaa ta’e ijaaruun fedhii ummataa guutuun haaromsa lafa qabsiisuuf, Oromiyaa keessatti nageenya amansiisaa buusuu, ol’aantummaa seeraa mirkaneessuu,
Oromiyaa tasgabbii qabduu fi ijaarsa sirna dimokraasiitiif mijooftuu taate ijaaruuf tattaafii godhamaa jiru keessatti hoggansi gandaa gahee isaa sirnaan hubatee itti gaafatamummaa isaa si’oominaan bahatu ijaaruu ta’uus hoogganaan kun dubbataniiru.

Haala kanaan bu’aa leenjii kanarraa argame obbo Admaasuun yemmuu ibsan, hojii Ol’aantummaa seeraa mirkaneessuu, miira ni dandeenya jedhuun hojii keessa galuu, gaggeessaa sadarkaa hundumaa biratti kaka’uumsa guddaa akka uumee fi hariiroon ummataa fi mootummaa gidduu jiru akka cimuu fi waliin tumsan karra saaqee jira jedhaniiru.

Gaggeessaan leenjii argate kanarraa hojiin itti aanu hojii qabatamaa keessa galuun ummata hirmaachisaa bu’aa galmeessisuu, hojiin hoojjetamu hunda bu’aa buuseen madaalaa adeemuu, Akkasumas Ummanni itti quufinsaa fi komiin inni qabu sakatta’amaa tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatamaa kan deemu ta’uu ibsanii jiru.

Dhuma irratti obbo Admaasuun dhaamsa dhaamaniin ummanni keenya gaggeessaa isaa ofitti qabee qajeelchuun jijjiiramaaf waliin tumsuu akka qabuu fi waan bades dafee eeruu kennaa akka sirratu gochuu qabas jedhaniiru. Biiroo dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaatu gabaase.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015