Dhalattoonni Salaalee Naannawa isaaniitii Ala Jiraatan Misooma Naannichaaf Deeggarsasaanii Akka Cimsan Ibsan

65

Fichee Hagayya 5/2ዐ11 (TOI) -  Dhalattoonni naannawa Salaalee biyya alaa fi Finfinnee jiraatan misoomaa fi guddina godinasaaniitiif deeggarsasaanii akka cimsan ibsan.

Dhalattoonni naannawa Salaalee 250 caalan guyyaa  kaleessa magaalaa Fichee dirree Abdiisaa Aagaatti biqiltuu dhaabaniiru, misooma fuulduraaf raawwatan irrattis mari'ataniiru.

Dhalattoota kanneen kan qindeessan obbo Girmaa Raggaasaa wayita kana akka jedhanitti waldaan dhalattoonni Salaalee waldaa dhaabuudhaan waggoota lamaan darban aanaalee godinichaa jaa'a keessatti barattoota ciccimoo fi rakkatoo ta'aniif badhaasaa fi jajjabeessituu kennaa turaniiru.

Kana malees qulqullinaa fi qaqqabiinsa barnootaa irratti gumaachaa akka turan dubbatanii, jiraattonni naannawichaa misoomaa fi guddina godinichaa si'achiisuuf hawaasa waliin hojjechuuf qophii ta'uusaanii himaniiru.

"Hojii gaarii kana hojiiwwan misoomaa kanneen birootiin cimsuun dirqama dhalattoota kanneeniiti" jedhaniiru.

Waldaan kun fuulduraaf waltajjii galii walitti qabuu qopheessuudhaan yaalii misooma godinichaa cimsuuf taasifamu si'achiisuuf hirmaataa akka ta'us hubachiisaniiru.

Rakkoolee kanneen akka daandii, bishaan dhugaatii qulqulluu fi tajaajiloota hawaasaa kanneen biroo guutuuf maallaqaa fi beekumsaan deeggaruuf dhalattoonni tokko ta'anii akka tumsan waamicha dhiheessaniiru.

Dhalataa naannawichaa kan ta'e kan biraan obbo Takkaa Hundee gamasaaniitiin haala mijataa misoomaaf uumametti fayyadamuudhaan naannawa itti dhalatanii guddatan maallaqaa fi beekumsaan deeggaruu akka barbaadan dubbataniiru.

Wayita mariin kun adeemsifamu kan argaman bakka bu'aan bulchaa godina Shawaa Kaabaa obbo Balaayi Araddoo dhalattoonni kunneen gurmaa'anii naannawa isaanii misoomsuu fi deeggaruuf kaka'uunsaanii kan jajjabeeffamu ta'uu dubbatanii, bulchiinsichi deeggarsa barbaachisu akka taasisuuf beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015