Dargaggoonni Tola Ooltonni Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Deeggarsa Uffataa Taasisan - ENA Afaan Oromoo
Dargaggoonni Tola Ooltonni Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Deeggarsa Uffataa Taasisan
Hagayya 5/2011 (TOI) - Dargaggoonni godina Horro Guduruu Wallaggaattii hojii tajaajila tola ooltummaarraa lammummaarratti bobba'an harka qalleeyyotaaf deeggarsa uffataa taasisuusaanii waajjirri dubartootaa, dargaggootaa fi daa'immanii godinichaa beeksise.
Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Taarikuu Taakkalaa akka beeksisanitti dargaggoonni magaalaa Shaambuutti tajaajila tola ooltummaarratti bobba'an liigii dargaggootaa magaalichaa waliin qindaa'uun kan walitti qaban uffata birrii kuma 15tti tilmaamamu harka qalleeyyotaaf kennaniiru.
Dargaggoonni kunneen harka qalleeyyota kanneeniif afeerraa laaqanaas taasisaniiruuf.
Dargaggoonni kunneen hojiilee biqiltuu dhaabuu, haaromsa riqichaa, barsiisuu, manneen suphuu, qulqullina magaalaa, tiraafika kabachiisuu irratti bobba'uudhaan amma ammaatti gumaacha birrii kuma 800tti tilmaamamu gumaachuusaanii itti gaafatamaan kun dubbataniiru.
Bulchaan godinichaa obbo Jabaa Addunyaa deeggarsa dargaggoota kanneeniin walitti qabame erga kennanii booda akka dubbatanitti, wal deeggaruun aadaa Oromoo waan ta'eef kan qabeenya qabu qabeenyasaatiin, beekumsa kan qabu beekumsasaatiin wal deeggaruun itti gaafatama lammummaa ta'uu hubachiisaniiru.
Labsiin tajaajila lammummaa naannoo Oromiyaatiin ragga'e wal deeggaruu akka cimsu ibsaniiru.