Muummeen Ministiraa Doktar Abiyyi Ahimad Hordoftoota Amantaa Islaamaa Maraan Baga Ayyaana Iid Al Adihaa (Arafaa) 1440ffaan Ittiin Isin ga'e Jedhan

66

Finfinnee Hagayya 4/2011 (TOI) - Muummeen ministiraa Doktar Abiyyi Ahimad hordoftoota amantaa Islaamaa maraan baga ayyaana Iid Al Adihaa (Arafaa) 1440ffaan isin ga'e jedhan.

Iid Al Adihaan (Arafaa) ayyaana aarsaa (qalmaa), yaadannoo hojii gaarii Nabii Ibraahiim ilma isaanii Ismaa'eel Jabal Arafaarratti Rabbiif ajajamuu isaanii akka gaafatamanitti itti agarsiisani dha.

Ayyaanni amanamuu kunis garaagartee kamuu malee jaalallii fi sagaleen waamicha gaarii Waaqaa itti barsiifamudha jedhanii, sirni Hajjii tibbana raawwatamus calaqqee jaalalaa fi tokkummaa ta'uu ibsaniiru.

Islaamummaan nageenya, walii nahuu, waan gaariin walbira dhaabbachuu kan barsiisudha; kanaaf waliif, biyyaa fi ummataaf waliin yaa hojjennuun dhaamaniiru.

Har'as jijjiirrama akka biyyaatti eegalamerraa abdii gurguddaa horachuun irratti hirmaachaa kan jiran hedduu akkuma ta'an, kaleessan haguugamanii muusa'uun samoodda'anii kan taa'an dammaquun jaalalaan walutubuun biyyaa fi ummata ceesisuuf hojjechuun akka irraa eegamu dhaamaniiru.

Rakkoolee waloo waliin hiikaa, walutubuun dhaabbachuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Tokkummaadhan kaleessa injifannoowwan jajjabaa hedduu akkuma galmeessisne, har'as biyya ijaaruurratti waltumsuu qabnaan waamicha dhiyeessaniiru.

Imala waloon eegalle tumsaan galmaan yaa geenyun dhaamanii, ayyaanichaan baga ittiin isin ga'e jedhaniiru. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015