Ergaa Baga Geessanii Ayyaana Iid-Al Adahaa /Arafaa /-Obbo Shimallis Abdiisaa I/A/P/M/N/Oromiyaa dabarsan

273

(TOI),Hagayya 5/2011 Hordoftoota Amantaa muslimaa hundaan Baga ayyaana Iid-al adahaa/ Arafaatiin isin gahe, Ayyaanichi Ayyaana Aafiyaa, Gammachuu fi Badhaadhinaa akka nuuf tahuun hawwa. Iid mubaarak!
Ayyaanii Iidel Adahaa (Arafaa) kun ayyaanoota sadarkaa addunyaatti hordoftoota amantaa muslimaa biratti sirna addaan kabajamu ayyaana ulfaataa fi kabajamaa keessa isa guddaa fi olaanaadha.

Sababiin isaa ayyaanichi yaadannoo hojjii gaarii fi jaalatamaa rabbi biratti fudhatama guddaa Nabi Ibraahim raawwatan yaadachudhaaf kabajamu waan taheefi. 
Nabi Ibraahim ilma isaanii Ismaa’il dulluma keessa argatan ajaja fi waamicha kaaliiqaa (waaqaa) “yoo dhuguma na jaallatta ta’e ilma kee naa wareegi” jadheen san amanamummaa fi jaalala rabbiif qaban gochaan garsiisuuf Jabal Arafaa geessanii yoo gorra’uuf jedhan ilmii isaanii ismaa’ilis ajaja rabbii taanaan anis gorra’amuuf qophii dha jechuunsaa isaan lachuu rabbiif ajajamuu isaanii ittin madaaluuf waan ta’eef ilmi isaaniis gorra’amuu hafee guyyaa amanummaa isaaniitiin araaraa fi dhiifama kaaliqa irraa argataniidha.
Kanarraa ka’ee Ayyaanni Id-al adahaa kun wagga waggaan hawaasa musliimaa biratti akkaataa shari’aa amantaa muslimaatiin naganyaa fi tasgabbi eeguun, lammiiwwan harka qalleeyyii gargaaruudhaani fi araarama kadhachuun kabajamuudha.
Guyyaa kabajamaa fi imaanaa Nageenya biyyaa fi naanoo ofii eeguun gamatti akkaataa diiniin nu ajajuun waan nyaannurraa qoonnee, waan ofii uffannurraa kan uffata hin qabne uffifnee tokko taanee wal fakkaannee faayoomnee gammachuun itti kabajanuudha.
Kun ammo Islaamummaan Nageenya, islaamummaan walii nahuu ,islaamummaan waan gaariin wal bira dhaabbachuu, islaamummaan ana qofaaf jechuu caalaa obboleessaa fi obboleettii koof, nuuf jechuu kan nutti argisiisu Islaamummaan wal jibbuun cubbuu, kophaa nyaachuuniis tahe waan namaa fuudhuu fi kajeeluulleen haraama tahuu, qorichi jibbaa jaalala tahuu nu barsiisa.
Yeroon amma keessa jirru ammoo duudhaa amantaaniis tahe Aadaan keenya nu ajajutti fayyadamnee nageenya ,misoomaa fi badhaadhina Naannoo fi Biyya keenyaatiif halkanii guyyaa itti carraaqnee dhaloota heegaree itti ijaaruuf yeroo itti tattaafannuudha.
Kanaaf akkuma diiniin islaamummaa ajajuun Oromiyaa waan hundumaan misoomtee fi badhaate, biyyaaf utubaa taatu ijaaruuf yeroo kamuu caalaa tokkummaa keenya cimsannee wal bira yaa dhaabbannuu.
Ayyaanni kun Kan walitti muufateef afooyitulellaah , kan dhibameef aafiyaa hawwaa, rakkataa bira dhaabbachuun qooda lammummaa keenya ittiin bahachuuf carraa gaarii kan nuuf uumu taha.
Kanaaf guyyaa kana yoo kabajannu hojiiwwan irratti bobbaane hundatti bu’a qabeessa akka taanu waliin marihachaa, sagantoota tajaajila lammummaatiin bahan hojiirra oolchuun , al seerummaa balaaleeffachaa fi diinagdee keenya guddisuuf yaa carraanu.
Ayyaanni Iidaa kun ayyaana Nageenyaa fi Tasgabbiin biyya keenyaa akka waaru, dhalli namaa hunduu nagaan bobbahee akka galu, dhaloonni hundi tokkummaan harka walqabatee Duudhaa ganamaa isaatti deebi’ee jaalalaa fi kabaja biyya isaaf,naannoo isaaf, saba isaaf, dhala namaa hundaaf qabu gabbifatee jijjirama jalqabame itti fufsiisudhaan badhaadhinatti cehuuf itti xiiqeeffatuudha.
Irra deebi’ee hawaasa keenya maraan guyyaan kun guyyaa nu warra du’aa’iin teenya rabbi biratti qeebalamtu, niyyaan teenya guuttu, tokkummaan, wal kabajaa, wajji jireenyi amantootaa fi sabootaa itti iftu, imalli misoomaa keenya itti nuuf milkaawu akka nuuf tahu hawwa.
Iid-mubaarak !
Obbo Shimallis Abdiisaa I/A/P/M/N/Oromiyaa  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015