OBN Magaalaa Mineesotaatti tamsaasa eegaleera

1807

Hagayya 4/2011 /TOI/ OBN Magaalaa Ameerikaa Mineesotaatti eebbifame tamsaasa kennuu eegaleera.  

sirna eebba Istuudiyoo OBN Intarnaashinaal kana irratti argamanii haasaa kan taasisan miseensi boordii OBN Aadde Caaltuu Saanii akka jedhanitti Ummanni Oromoo dinagdeen akka cimuuf kutannoon hojjechuu gaafata jedhaniiru.  

Yeroo Amma kana biyya bulchaa kan jiru Oromoo dha, milkaa'ina hoggansaa ilmaan abbaa gadaa galmeessisan addunyaatu ragaa baha jiras jechun dubataniiru.  

Daarektarri olaanaan OBN Obbo Zinaabu Asiraat gama isaaniitiin OBN sagaalee ummata Oromoo ta'uun caalaatti kan hojjettu ta'uu himan.

Dhumarratti milkaa'ina hundeeffama Istuudiyoo OBN Intarnaashinaal magaalaa Mineesotaatti ifan akka hojii eegaluuf warreen qooda fudhatan hundaaf beekkamtii fi badhaasni kennameefira.

Gabaasni kan OBN.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015