Dippiloomaatonni ergama biyya isaanii bu'a qabeessa gochuuf hojjechuu qabu- Ministira muummee doktor Abiyyi

86


Finfinnee Amajjii 6/2011 Eembaasonni ergamni biyyaa kan keessatti raawwataman malee iddoo boqonnaa fi bashannanaa waan hin taaneef dippiloomaatonni ergamasaanii bu'a qabeessa gochuuf hojjechuu qabu jechuudhaan ministirri muummee doktor Abiyyi Ahimad hubachiisan.

Dippiloomaatota ergamasaanii sirnaan hin baane kana booda mootummaan akka hin obsine ministirri muummee dubbataniiru.

Ministirri muummee kana kan jedhan "haala idil addunyaa fi imaammata dhimma alaa Itoophiyaa" mata duree jedhuun misiyoonota Itoophiyaa fi dippilomaatota ministeera dhimma alaa Itoophiyaakeessa hojjetaniif har'a ibsa wayita kennanidha.

Ministirri muummee akka jedhanitti, dippilomaatonni kana dura eembaasiiwwan gara garaa keessa hojjetan bu'aa galmeessisaniin waanhin madaalamneef hojii bu'aa hin qabneen yeroosaanii dabarsu.   

Eembaasiin iddoo sooramaa fi aara galfii miti kan jedhan ministirri muummee, kana booda dippilomaatonni  ergama kennameef bu'a qabeessa gochuuf carraaquu akka qaban hubachiisaniiru.

Dippilomaatonni kana dura turan ergama biyyaa isa guddaa raawwachiisuu osoo hin ta'iin, haalaa fi garee deeggaraniif hojjechuu kan filatan ta'uu ministirri muummee dubbataniiru.

Ambaasaaddaroonni biyyoota addaddaatti wayita ramadaman yeroo baay'ee wal dhabdeen akka uumamu eeranii, kun ammoo biyya gudditti baachuu mannaa faayidaa fi badhaadhina dhuunfaa ari'uun akka ture agarsiisa jedhaniiru.

Itti gaafatamni kan qoramu haala mijataa keessatti osoo hin ta'iin, rakkina keessatti waan ta'eef, dippilomaatonni kana beekanii bakka bu'ummaasaanii sirnaan ba'uu akka qaban gorsaniiru.

Yeroo ammaa dippilomaatonni namoota baay'ee mo'achaa kan jiru miira ofittummaa keessaa ba'uu akka qaban yaadachiisaniiru.

Ministirri muummee doktor Abiyyi "bakki Itoophiyaan itti argamtu qalbii mootummoota gurguddoo kan hawate ta'uusaatiin ofittummaa keessaa baanee olloota keenya waliin walitti dhufeenya dinagdee uumuun barbaachisaadha" jechuun dubbataniiru.

Dippilomaatonni haala addunyaa waliin of wal simsiisuuf barata barabaraa ta'uu akka qaban waamicha dabarsaniiru.

Hojii dipplomaasii haala biyyaa fi addunyaa amma jiru waliin walsimsiisuuf mootummaan imaammata isaa quunnamtii alaa akka fooyyessus ministirri muummee yaadachiisaniiru.

Itoophiyaa keessatti muudamni dippilomaasii gaaffiin hedduun akka irratti ka'aa ture ni yaadatama.

Keessumaa namoonni biyya keessatti itti gaafatama guddaa irra turan sababa addaddaatiin itti gaafatamarraa wayita ka'an ambaasaaddara ta'uun muudamuun isaanii qeeqa guddaatu geessisaa tureera.

Ministeerri dhimma alaa dhihoo kana akka ifa godhetti, muudamni ambaasaaddarootaa beekumsa irratti hundaa'ee akka ta'u ifa taasifameera.

Kanaan walqabatee dhihoo kana ministeerri dhimma alaa RFDI ambaasaaddaroota haaraa 19 Itoophiyaa bakka bu'an ifa gochuunsaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015