Ayyaana Arafaa Yeroo Kabajnu Namoota Harka Qalleeyyii Yaadachuu Fi Gargaaruun Ta'uu Qaba – Muftii Haajii Umar

121

Finfinnee Hagayya 3/2011 /TOI/ - Ayyaana Iid Al Adihaa Arafaa wayita kabajnu akkaataa Amantichi ajajuun namoota harka qalleeyyii yaadachuuni fi gargaaruun ta'uu qaba jechuun Muftii Haajii Umar Idiriis hubachiisan.

Pirezidaantii Mana maree dhimmoota Islaamaa Itiyoophiyaa Muftii Haajii umar Idiriis ayyaana Arafaa 1440ffaa sababeeffachuun ummata Musliimaaf ergaa baga ittiin isin ga'ee dabarsanii jiru.

Ayyaanni Arafaa kun kan kabajamuuf raajiin Ibraahim ilma isaa Aarsaa jaalalaa fi Amantiif dhiyeessuu isaa irraan kan ka'e ni kabajama jedhaniiru.

Ayyaanni kunis " Ayyaana Aarsaa " jedhameetu waamama jedhaniiru.

Namootni amantaa Musliimaa hordofanis kana sababeeffachuun ayyaana kana qalmaan ni dabarsu jechuunis himaniiru.

Pirezidaantii Mana maree dhimmoota Islaamaa Itiyoophiyaa Muftii Haajii Umar Idiriis ayyaana Arafaa kana sababeeffachuun ummata Muslimaaf ergaa baga ittiin isin ga'ees dabarsanii jiru.

Wayita ayyaana kana kabajnus namoota harka qalleeyyii ta'an yaadachuu fi gargaaruun ta'uu qabas jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015