Yuunivarsiitiin Haromaayaa Barsiisota Lamaaf Maaraga Piroofeesera Guutuu Kenneef

56

Hagayya 03/2011 (TOI) - Yuunivarsiitiin Haromaayaa barsiisota lamaaf maaraga piroofeesara guutuu kenne.

Maaraga piroofeeserummaa guutuu kan argatan doktor Mangistuu katamaa Aradoo fi doktor Mangistuu Urgee Lataati.

Yuunivarsiitichatti Daarektarri sab-qunaamtii ummataa obbo Alamisheet Tashoomaa tajaajila oduu Itiyoophiyaaf akka jedhanitti boordiin yuunivarsiitichaa wal ga'ii isaa kaleessa gaggeesseen barsiisoota lamaan kanaaf maaraga piroofeesara guutuu kennee jira jedhaniiru.

Doktar Mangistuu Katamaa bara 1995 irraa eegalee yuunivarsiitii Haromaayaatti barsiisummaan, Qorataa, fi gargaaraa piroofeesaraan waggoota 16f tajaajila kennanii jiru.

Barattoota digirii 2ffaa 60 ta'anii fi barattoota digirii 3ffaa 15 ta'an waraqaa qorannoo isaanii mariisisuun hojiin isaaniin bu'aa qabeessa akka ta'uuf gorsanii jiru.

Pirojektoota adda addaa biyya alaatii fichisiisuuni fi qindeessuun hojii guddaa kan raawwatan yoo ta'u, hojiilee qorannoo 60 ol ta'an Joornaaloota Aduunyaa irratti kan basaani fi bu'aalee qorannoo 20 ta'an ammoo workishooppii irratti maxansiisaniiru.

Doktar Mangistuu Urgees gama isaaniin waggoota 30 oliif Yuunivarsiitii Haromaayaatti barsiisummaan tajaajila laataniiru.

Barattoota digrii 2ffaa 120 ta'anii fi barattoota digirii 3ffaa 20 ta'an waraqaa qorannoo isaanii mariisisuun hojiin isaani bu'a qabeessa akka ta'u gochuun hojii boonsaa raawwatanii jiru.

Yuunivarsiitii Haromaayaa fi Yuunivarsiitii kanneen birootti gorsaa fi biyya alaatti  qorumsa kennuun hojii gaarii hojjataniiru jedhameera.

Dhunfaa isaaniitiinis hojiilee qorannoo bu'aa hedduu kennan 147 ol ta'an hojjechuun joornaaloota addunyaa garaa garaa irratti maxansiisaniiru.

Joornaaloota adda addaa irrattis gargaaraa qorataan kan hojjetan yoo ta'u, fandiileen qorannoo garaagaraa gara yuunivarsiitichaatti akka dhufaniif hojjetaniiru jedhameera.

Dabalataaniis doktar Mangistuu Urgeen hogganaa kutaa saayinsii beeyiladoota, Daarektaraa qorannoo fi yuunivarsiitiichatti tajaajila heddu kan kennan ta'un ibsame jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015