Godina Baaleetti Uffatni Tilmaamni Isaa Miiliyoona 1 Ta'e Seeraan Ala Osoo Darbuuf Jedhuu To'annoo Jala Ooleera

52

Baalee Hagayya 2/2011 (TOI) Naannoo Oromiyaa godina Baaleetti uffatni seeraan alaa tilmaamni isaa birrii miiliyoona 1 ol ta'e osoo darbuuf jedhuu too'annoo jala ooluu isaa poolisiin beeksisee jira.

Qajeelcha poolisichaatti oggeessi Komunikeeshinii komaandar Naasir Umar akka jedhanitti uffatnii seeraan alaa kun kan qabame eeruu ummata irraa dhufeeni dha jedhaniiru.

uffatnii kunis madda wallabuu irra gara aanaa Dalloo mannaattii osoo darbuuf jedhu iddoo

"Goomgommaa" jedhamutti halkan sa'aatti 10:00 irratti qabame jedhaniiru.

Konkolaataan ISUZU koodii A.A Lakkoofsi gabatee isaa 3-38503 ta'e kun yeroo qabamutti konkolaachisaan isaa miliquu isaas komaandarichi himanii jiru.

Uffatni to'annoo jala oole kun tilmaamni isaa birrii kuma 990 kan baasu dhas jedhaniiru.

Poolisiin seera kabachiisuu fi oolantumma seeraa mirkaneessu maddiitti hojii seeraan alaa kan akka kotrobaandii kanas to'achaa jira jechuun himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015