Lammiilee Zimbaabuwee Miiliyoona 5 Ol Ta'an Deeggarsa Midhaan Nyaataa Ariifachiisaan Isaan Barbaachisa

49

Hagayya 1/2011 (TOI) - Lammiilee Zimbaabuwee miiliyoona 5 ol ta'an deeggarsi midhaan nyaataa ariifachiisaan akka isaan barbaachisu gamtaan mootummootaa beeksise.

Lakkoofsi lammiilee deeggarsa barbaadanii ummata biyyattii harka sadii keessaa harka tokko akka ta'e ibsameera.

Sagantaan nyaataa addunyaa Zimbaabuween gogiinsa, obomboleettii fi hanqina dinagdeetiin rukutamuusheetiin kanneen nyaata barbaadaniif doolaara miiliyoona 331 walitti qabuuf waamicha dhiheesseera.

Itti gaafatamaan sagantichaa Deeviid Besleeyi hatattamaan midhaan nyaataa yoo hin dhihaanneef lammiileen Zimbaabuwee beela hamaadhaan akka miidhaman akeekkachiisaniiru.

Oomishni nyaataa Zimbaabuwee dhiheenya kana gogiinsaan rukutamuusaatiin miidhaan akka hammaatu taasiseera.

Mister Beslay akka jedhanitti lammiilee Zimbaabuwee deeggarsa nyaataa barbaadan keessaa miiliyoona 2 tuqaa 5 kan ta'an beela hamaaf kan saaxilaman waan ta'eef tumsi qaama hundaa barbaachisaadha jedhaniiru.

Gogiinsi sadarkaa balaa biyyaalessaarra ga'uusaa pirezidaanti Emersan Monangagewaan kaleessa labsaniiru.

Dhaabbanni mootummoota gamtoomanii gamasaatiin deeggarsi doolaariin miiliyoona 294 akka sassaabamu dursee kan gaafate yoo ta'us gogiinsi biyyattii mudate hammaachaa waan dhufeef deeggarsi kan yaadamee ol akka sassaabamu waamicha dhiheessuusaa 'BBC'n gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015