Tokkummaan Nageenya Keenya ni tikfanna --- Abbootii Gadaa Afran Qalloo Harargee Bahaa Fi Oggaazota Naannoo Somaalee

72

Adoolessa 29/2011) - Tokkummaan nageenya keenya ni tikfanna jedhchuun  Abbootiin Gadaa Arfan qalloo Harargee bahaa fi Ogaazota naannoo Somaalee.
Abbootiin Gadaa fi Ogaazonni kana kan jedhan waltajjii hariiroo obbolummaa Oroo - Somaalee kaleessa Magaalaa Jijjigaatti adeemsifamerrattidha.

Nageenya naannolee lammanii eegsisuuf abbootiin Gadaa gahee irraa eegamu ciminaan bahachuuf qophaa’ummaa qaban ibsaniiru.

Meeshaa waraana jeequmsaaf oolu osoo hin ta’iin uleen seeraan alaa akka hin daddabarfamneef cimnee ni hojjanna jedhan Abbootin Gadaa fi Ogaazonni Naannoo Somaalee.


Abbaan Gadaa Arfan Qalloo imaanaa guutuu fudhachuun nageenya naannolee lamaanii tiksuun dirqama keenya ni baana, Ogaazonni naannoo Somaale yaada kennaniin gama ummata Somaaleen rakkoon tokkollee akka hin mudanneef mootummaa wajiin ta'uun ni hojjannas jedhan.

 Hirmaattonni waltajjii Oro-Somaalee irratti hirmaatanis yaada kennaniin, bu'aa hooggansa jijjiiramaatiin arganne cimsinee eeggachuun shirri kaleessa diinaan nurratti hojjatamaa ture akka nutti hin deebineef harka walqabannee ni hojjanna jedhaniiru.

 Ummanni Oromoo fi Somaalee waldhabbii tokkollee hin qabu, ammaa booda yeroon karaa walitti cufnuu fi bahuu fi galuu wal dhorkinu hafee yeroo tokkummaa misooma keenyaa itti cimsinudhas jedhan
Aadaan wal fuudhuu fi walitti heerumsiisuu ummata naannolee lamaanii cimee kan itti fufuudha kan jedhan hirmaattonni waltajjichaa,  nageenyi ummattoota lamaaniifuu wabii waan ta'eef waloon kunuunfanna! diinni walitti dhufeenya keenya hin barbanne yeroo wixxifatan tokkummaan Oromoo fi Somaalee akka sibiilaatti cimuu qaba jedhaniiru.

Madda: BDhKMNO

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015