Sadarkaa idil Addunyaatti dhukkuboota nama ajjeesan ittisuuf Yuuroo biiliyoona 11 barbaachisa jedhame

120

Amajjii 5/2011 Sadarkaa idil addunyaatti dhukkuboota nama ajjeesan eedsii, naqarsaa sonbaa fi dhibee busaa ittisuuf bajata yuuroo biiliyoona 11akka barbaachisu ibsame.

“BBC”n akka gabaasetti, pirezidaantiin Faransaayi Imaanu’eel Maakiroon dhibeewwan sadan ittisuuf  kan hojjetu yaa’ii giloobaal fandii Paarisitti bananiiru. Yaa’iin kunis “boqonnaa murteessaa” jedhameera.

Giloobaal fandi akka jedhetti, kutannoo dhabuun, ilbiisonni qoricha farra ilbiisotaa dandamatan baay’achuunsaanii dhukkuboota kanneen ittisuuf hojii hojjetamu boodatti harkiseera.

Akka gabaasa kanaatti, maallaqni barbaadamu kun yoo argame lubbuu namoota miiliyoona 16 baraaruun ni danda’ama, namoota dhibee kanaan du’anis walakkaadhaan hir’isuun ni danda’ama.   

Yuuroon biiliyoona 11 eedsii ittisuu fi yaaluu, bittaa qoricha naqarsaa sonbaafi busaa ittisuuf kan gargaaru  bittaa Agoobaraaf kan ooludha.  

Hojii raawwachiisaan giloobaal fandii Piiter Saandi “BBC”tti akka himanitti, “du’a dhibeewwan kanneeniin ga’u  hir’isuun danda’amus, garuu itti fufsiisuun hin danda’amne” jedhaniiru.

 Giloobaal fandi madden addaddaarraa maallaqa walitti qabaa akka jiru ibsanii, maallaqa barbaadamu argachuuf haalli siyaasa addunyaa wal xaxaa ta’uunsaa rakkoo uumaa jira jedhaniiru.

Lakkoofsi yaalamtoonni dhukkubsattoota dhibee busaa hir’atee ture deebi’ee dabalaa akka jiru kan mul’ise gabaasni kun, busaadhaan kan du’an harka sadii keessaa harki lama daa’imman umuriin isaanii waggaa shanii gadi jiranidha.

 Qorichoonni farra eedsii namoota miiliyoonaan lakkaa’aman du’arraa kan hanbisan ta’us, lakkoofsi dargaggoota eedsiin qabamanii dabaluunsaa yaaddessaa akka ta’e ibsameera.

Naqarsaan sonbaa infeekshinoota biroo caalaa namoota ajjeesaa kan jiru yoo ta’u, qorichaan wal baruurraa kan ka’e yaalamtoota akka addunyaatti jiran harka sadii keessaa harki tokko lubbuusaanii ni dhabu.

Daarektar jeneraaliin dhaabbata fayyaa addunyaa doktor Teediroos Adhaanoom, waggoota 17 darban giloobaal fandi gama fayyaatiin gumaacha ba’eef galata galchaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015