Barattoonni Hiriiraaf Bahan Erga Ajjeefamanii Booda Sudaan Manneen Barnoootaa Cufte

89

Adoolessa 24/2011 /TOI/ -Barattoonni hiriiraaf bahan erga ajjeefamanii hiriira waamame to'achuuf manneen barnootaa hunda keessatti barnoonni addan cite.

Miidiyaan biyyaaleessaa akka jedhutti, Roobii kanarraa eegalee manneen barnootaa guutuu biyyattii keessatti akka cufaman anga'oonni humna waraanaa biyyattii ajajan.

Wixata darbe barattoonni 4 Kaaba Kordofaan keessatti hiriira mormiif bahamerratti erga ajjeefamanii magaalaa guddoo Kaartum dabalatee magaaloota biroottis hiriirri tamsa'eera.

Kaleessa barattoonni dhibbaan lakkaa'aman uffata dambii uffatan alaabaa Sudaan mirmirsaa karaa kaartumitti bahan ajjeechaa El- Obeyidiitti raawwatame mormaa turan.

Mormiin barattoota magaalaa Kaartum iddoo kaanittis akkuma magaalota birootti bahameera.

Kaleessa waaree booda anga'oonni biyyatti manneen barnootaa hundi akka cufamu ajajan.

Hanqina daabboo fi gaazii boba'aa El- Obeeyiditti mudate booda dhukaasa qawwee fi Isnaayippariin namoota hedduutu madaa'e.

Madda:- BBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015