Xaa’oon haaraan pooliitar jedhamu hojiirra ooluufi

103

Xaa’oon haaraan pooliitar jedhamu hojiirra ooluufi

Walmaraa Amajjii 5/2011Ministeerri Qonnaa Xaa’oo haaraa Pooliitar jedhamu beeksisuu jalqabe.

Xaa’oon kun biyyoo fi oomisha gosa hundaaf mijataa akka ta’e naannoo Oromiyaa aanaa Walmaraatti yaaliif yemmuu dhihaatu ibsameera.

Xaa’oon kubbaaniyyaa Faransaayi Pooliitar jedhamuun oomishame kun lafa heektaara tokkorratti kiiloo giraama 10 fayyadamuu dandeessisa jedhameera.

Al tokko fayyidaarra yoo oole waggoota 3 amma 5tti xaa’oo dabalataa osoo hin barbaachisiin  oomisha wal fakkaataa kennuu akka dandeessisu himameera.

Wal ta’iinsa ministeerota qonnaa fi teekinooloojii innoveeshiniitiin biyya  kan gale xaa’oon kun, oomishaa fi oomishtummaa ni guddisa, biyyoo gosa hundaaf mijataa waan ta’eef lafa asiidawaa nooraadhaan kunuunsuuf baasii ba’u kan hanbisudha.  

Sadarkaa da’eetaa ministiraatti gorsaan ministira qonnaa doctor Iyyaasuu Abrahaa akka jedhaniti, xaa’oon kun hojiirra wayita oolu mijataa fi xiqqaa waan ta’eef baasii bittaa xaa’oo fi geejjibaa ni hir’isa, lafa hanqina bishaanii qaburrattis fayyadamuun ni danda’ama.

Ministirri teekinooloojii innoveeshinii doctor injiinar Geetaahun Makuraa  gamasaaniitiin, qonna ammayyeessuuf teekinooloojiidhaan deeggaruu kan dandeessisuu fi misooma biyyattiin eegalte kan cimsudha jedhaniiru.

Bu’aan yaalii taasifamee kun ilaalamee waggaa dhufu Xaa’oon kun bal’inaan biyya keessa akka galu ibsameera.

Xaa’oon pooliitar jedhamu kun Awurooppaa, Ameerikaa Kibbaa fi biyyoota Afriikaa addaddaattii yaalamee bu’a qabeessa ta’uunsaa beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015