Leenjiin Hoggansa Sadarkaa Gandaa Gaggeeffamuu Jalqabe

92

Adoolessa 24/2011 /TOI/ - Leenjiin hoggansa sadarkaa gandaa gaggeeffamuu jalqabe jira.  

Injifannoowwan gama siyaasaan argaman cimsuu fi dinagdeen dabaaluun Oromiyaa roga maraan ijaaruu keessatti oggansi sadarkaa sadarkaan jiru ga’ee murteessaa qaba.

Ummanni naannichaa misooma, nageenyaa fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuu keessatti bal’inaan qooda fudhatee bu’aa barbaadame fiduun akka danda’amuuf tajaajilli ummataa sadarkaa hundatti jiru haala qabatamaa keessa jirruu fi jijjiirama eegalame ceesisuu haala danda’uun ogganamuu qaba.

Kaayyoo kana galmaan ga’uun kan danda’amu ammoo haala baratameen otoo hin taane oggansa jijiiiramichi barbaadu horachuun yoo danda’amedha.

Bu’uuruma kanaan akka naannoo keenyaatti daandeettii raawwachiisummaa oggansaa cimsuu irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira.

Hanga ammaatti oggansa sadarkaa naannoo hanga aanaa jiruuf leenjiin bal’aan kennamaa tureera.

Leenjiin dandeettii raawwachiisummaa oggansaa cimsuuf kaayyeffate kun ammas itti fufee guyyaa har’aa eegalee sadarkaa gandaatti Oromiyaa guutuu keessatti leenjiin hoggansa kuma 62 ol ta'u gaggeeffamuu eegalee jira jechun biiroon dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa gabaasera.    

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015