Itiyoophiyaan Gulaallii Duraa Waancaa Addunyaa 2022f Leeseetoo Waliin Taphatti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan Gulaallii Duraa Waancaa Addunyaa 2022f Leeseetoo Waliin Taphatti
Adoolessa 22/2011 (TOI) -Waancaa addunyaa bara 2022 Kwaataar keessummeessitu irratti Itiyoophiyaan gulaallii duraa waancaa addunyaa 2022f Leeseetoo waliin taphatti.
Carraa har'a Gipts magaalaa Kaayirootti ba'een biyyoonni Afriikaa sadarkaa gadi aanaa irra jiran 28 gulaallii duraa ni gaggeessu.
Itiyoophiyaa waliin kan ramadamte Leeseetoon sadarkaa kubbaa miilaa Fiifaan ji'a ji'aan baasuun Leeseetoon sadarkaa 144ffaa yoo taatu Itiyoophiyaan sadarkaa 150 irratti argamti.
Somaaliyaan Zimbaabuwee, Eertiraan Naamiibiyaa, Buruundiin Taanzaaniyaa, Jibuutiin Iswaatiinii, Bootiswaanaan Maalaawii, Gaambiyaan Angoolaa waliin tapha gulaallii duraa ni taphatu.
Laaybeeriyaan Seeraaliyoon, Mooriishiyees Moozaambiik, Saa'oo Toomee Priinsiippiin Giinii Biisaaw, Sudaan Kibbaa Ekwaatooriyaal Giinii, Morookoon Toogoo, Chaad Sudaan, Siisheelsi Ruwaandaa waliin gulaallii duraatiif ni taphatu.
Taphni kunis akka lakkofsa warra Awuroophaa Fulbaana 2 bara 2019 irraa eegalee kan gaggeeffamu ta'a jedhameetu eegama.