Godina Baaleetti Mariin Sosochii Warraaqsa Dinagdee Adeemsifameera

66

Baalee Adoolessa 19/2011 /TOI/ - Godina Baaleetti mariin sosochii warraaqsa dinagdee adeemsifameera.  

Injifannoo Gama Siyaasaan argame gama diinagdeetiin dabaluun haala itti danda’amu irratti xiyyeeffatee hawaasa Godinichaa fi Bulchiinsa magaalaa Roobee waliin mari’ataniiru.

Jijjiirama adeemsa qabsoo walxaxaa, hadhaawaa fi abdii fixachiisaa keessa darbee sadarkaa kanarra gahe ummanni Oromoo tokkummaa fi waldhagahuun injifannoo siyaasaa diinagdeen utubuun sadarkaa olaanaatti ceesisuu qabu jedhameera.

Ummanni keenya aadaa hojii tuffachuu lagachuun hiyyummaa fi gadadoo lakkaa'uu keessaa bahee qophaa’ummaasaa ifatti agarsiisuu qaba jedhame.

Sagantaan dhiiga arjoomuu fi bakka biqiltuun itti dhaabatu qopheessuu raawwatameera jechun kan gabaase biiroo dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015