Magaalaan Jimmaa Kutaalee Magaalaa Afuriin Akka Hundooftu Murtaa'e

607

Jimmaa Adoolessa 20/2011 (TOI) - Manni maree magaalaa Jimmaa magaalatti kutaalee magaalaa Afuriin hundeessuuf murtee dabarse.

Manni marichaa yaa'ii isaa guyyoota lamaaf adeemsisaa ture xumureera.

Magaalaan Jimmaa gandoota 17 qabdu gara 23tti akka ol guddatan mana maree kanaan  murtaa'ee jira.  

Kantibaan magaalaa Jimmaa obbo Makiyuu Mohammad akka jedhanitti murteen kun mana maree naannoo Oromiyaan erga murtaa'ee booda hojii irra kan oluu ta'a.

Murteen manni maree murteesse kun ummatni magaalichaa dhiyeenya isaatti tajaajila adda addaa akka argatuuf kan gargaaru dhas jedhaniiru.  

"Ummatnis tajaajila qulqulluu ta'e akka argatuuf ni gargaara " jedhaniiru.

Miseensi mana maree magaalaa Jimmaa Sheeh Xu'aalib Rashaad yaada kennaniin akka jedhanitti magaalaattiin kutaalee magaalaa Afuriin hundaa'uun ishee galiin seeraan akka sassaabamuuf ni gargaara jedhaniiru.

Yaa'iin kun bajata magaalichaa kan bara 2012 irratti marii taasisuun murteesse jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015