Obbo Gadduun Erga Doktar Abiyyi Irraa Ergame Pirezidaantii Gibts Abdulfattaah Al Siisiif Geessan

68

Adoolessa 19/2011 (TOI) - Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Gadduun Andaargaachoo ergaa muummicha ministiraa doktar Abiyyi irraa ergame pirezidaantii Gibts Abduulfattaah Al Siisiif geessuun isaanii ibsame.

Dubbii himaan ministeera dhimmaa alaa ergaa kaleessa tajaajila oduu Itiyoophiyaaf ergameen akka jedhetti, Ministirri Ministeera dhimma Alaa obbo Gadduu Andaargaachoo ergaa mummicha ministiraa doktar Abiyyi irraa ergame pirezidaantii Gibts Abduulfattaah Al Siisiif geessuuf kaleessa gara Gibts imalaniiru.

Daawwannaa isaanii kanaan Prezidaantii Gibts Abduulfattaah Al Siisii waliin wal arguun hariiroo biyyoota lamaanii irratti mari’ataniiru.

Marii kana irrattis pireezdaantiin Gibts Abduulfattaah Al siisii akka jedhanitti daawwanaa gareen Itiyoophiyaa taasiseen gammaduu isaanii himaniiru.

Motummaan biyya Gibtsis walitti dhufeenya ummattoota lamaniif iddoo guddaa kan kennu ta'uus ibsaniiru.

Wayituma kana obbo Gadduu Andaargaachoo simannaa isaaniif taasifameen gammaduu isaanii himanii, ergaa muummicha ministiraa doktar Abiyyi irraa ergame pirezidaantii Gibts Abduulfattaah Al Siisiif kennanii jiru.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015