Hojiin Nageenyaa Naannichaa Komaandi Poostiin Akka Hogganamu Murtaa’e

62

Adooolessa 16/ 2011 - Hojiin nageenyaa Saboota Sablammootaa fi ummattoota Kibbaa Komaandi Poostii yeroon akka hogganamu murtaa'e.

Hojiin nageenyaa Godinaalee fi aanaaleen naannichaa hundaa fi magaalaa Hawaasaa  to'annoo humna nageenyaa federaalaa jalatti akka hogganamu himameera.

Ibsa Mootummaan naannichaa baaseen rakkoon nageenyaa fi seermaleessummaan mul'achaa jiru nagaan bobba'anii galuu lammileef sodaachisaadha jechuun gaafii dhiyyeesseen Adoolessa 15, bara 2011 irraa eegalee naannichi komaandi Poostii yeroon akka hogganamu manni maree nageenyaa federaalaa murteessee jira.

Jeequmsaa naannichatti uumameen lubbuu namaa fi qabeenyaarra badiin ga'uu fi hiriirri seeraan alaa ba'amaa jiru rakkoo nageenyaa ta'uun ibsameera jechuun miidiyaa naannichaa  wabeeffachuun OBN gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015