Faransaay milkaa'ina Damee Aviyeeshinii Itiyoophiyaaf deegarsa akka taasistu beeksifte

55

Finfinnee Adoolessa 15/2011 (TOI) - Mootummaan Faransaay milkaa'ina damee Aviyeeshinii Itiyoophiyaaf deeggarsa kan taasisu ta'uu Ministirri Maallaqaa fi Dinagdee Faransaay ibsan.

Ministirichi daawwii hojii guyyaa Tokkoof gara Itiyoophiyaa kan dhufan yoo ta’u, hoji gaggeessa olaanaa daandii qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Tewaldee Gabramaariyaam waliin damee Aviyeeshinii haala waliin jabbeesuun danda’amurratti marii taasisaniiru.     

Ministirri Maallaqaa fi Dinagdee Faransaay Bruunoo Liimeer akka ibsanitti biyyi isaanii pirojaktoota dameen Aviyeeshinii Itiyoophiyaa taasisa jiru akka galma ga'aaniif deeggarsa barbaachisaa ta'e hunda ni taasisa jedhaniiru.

Faransaay walitti dhuufeenyi gama dinagdeen Itiyoophiyaa waliin qabdu daran cimsuu kan barbaaddu ta'u ibsanii, kanaafis daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa shoraa olaanaa ni taphata jedhaniiru.

Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa milkii gaarii irra jiraachuu isaa kan dubbatan ministirri maallaqaa kun, daandii qilleensaa kanas Kubbaaniyyoota biyya Faransaay waliin walitti hidhamiinsa akka uumuu fi akka fayyadamu ni taasifna jedhaniiru.

Hoji gaggeessaa olaanaan daandii qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Tewaldee Gabramaariyaam gama isaanittiin kubbaaniyyoonni biyya Faransaay daandii qilleensaa Itiyoophiyaa waliin akkaataa itti hojjechuu danda'an irratti mariin taasisfameera jedhaniiru.

Wayituma marii kanaas Itiyoophiyaan Xiyyaara Eer Baas akkaataa itti bituu dandeessu irratti dubbachuu kan himan obbo Teweldeen, gama Ministirri Maallaqaa fi Dinagdee Faransaay Bruunoo Liimeeriin ammoo gaafiin Xiyyaaraa Eer Baas bitaa jedhu isaaniif dhiyaachuu isaas dubataniiru.

Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaas Kubbbaaniyyaa biyya Faransaay Saafraan jedhamu irraa motora Booying 737 bituuf kan walii gale ta'uu hojii gaggeessaan kun himaniiru.

Gama biraatiin hojiin babal'ina buufata xiyyaaraa Itiyoophiyaa milkiin akka xumuramuuf Faransaay deeggarsa barbaachisaa ta'e akkaataa taasisuu itti dandeessu irratti marii taasisuu isaaniis beeksisaniiru.

Ejensiin misoomaa biyya Faransaay milkii daandii qilleensaa Itiyoophiyaaf shoora olaanaa akka qabu kan dubbatan obbo Teweldeen, ijaarsa Akkaadaamii Aviyeeshinii Itiyoophiyaaf akkasumas hojii babal'ina buufata Xiyyaaraa Itiyoophiyaaf deeggarsa liqii taasisuu isaas himaniiru.

Ejensiin misoomaa kun hojii buufata xiyyaaraa naannoolee Itiyoophiyaa keessatti taasifamuuf liqii Yuuroo milliyoona 100 kan qopheesse ta'uu himanii, akkaataa liiqii kana itti fayyadamuun danda'amu irrattis marii taasisuu isaaniis dubbataniiru.

Eebbifamtootni Akkaadaamii Aviyeeshinii Itiyoophiyaa keessaa ba'anis meeshaalee oomishan akkaataan Aviyeeshinii biyya Faransaayiif dhiyeessan irratti hojjetamaa jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015