Gamtan Awurooppaa Deeggarsa Yuuroo Miiliyoona 36 Itiyoophiyaaf kennuuf Walii Galtee Mallatteesse

66

Finfinnee Adoolessa 15/2011 (TOI) – Itiyoophiyaatti dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaan qaqqabu hir’isuuf yaalii taasifamu bajataan deeggaruuf gamtaan Awurooppaa Yuuroo miiliyoona 36 deeggaruuf walii galtee mallatteesse.

Walii galteen deeggarsaa kun dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa fi qilleensa naannoo faalu gadi lakkisuun akka hir’atu akkasumas caasaa mootummaa deeggaruuf kan dandeessisudha jedhameera.

Ministirri maallaqaa Itiyoophiyaa Ahimad Shidee fi gamtaa Awurooppaatti komishinarri misoomaa fi gamtaawinaa idil addunyaa Neveen Mimiikaa walii galtee kana mallatteessaniiru.

Komishinar Mimiikaa wayita kana akka jedhanitti Awurooppaa fi Itiyoophiyaan hariiroon dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa hir’isuurratti qaban waggoota dheera tureera.

Sagantaawwan jijjiirama haala qilleensaan wal qabataniin gamtaan Awurooppaa waggoota 10 darban deeggarsa Yuuroo miiliyoona 400 taasiseera.

“Galmi misoomaa Itiyoophiyaan baafte milkeessuuf hojiiwwan haala qilleensaa fi eegumsa naannoorratti  hojjetaman murteessoodha” jedhaniiru'' komishinar Mimiikaan.

Akka ibsa komishinichaatti hojiiwwan jijjiirama haala qilleensaa hir’isuurratti hojjetaman misooma walii gala fi galmoota misoomaa egereef akkasumas milkaa’ina walii galee Faarisiif murteessaadha.

Ministirri maallaqaa Ahimad Shiidee gamasaaniitiin mootummaan jijjiirama haala qilleensaatiif dinagdee magariisaa ijaaruuf hojiiwwan addaddaa hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Deeggars gamtaa Awurooppaatiin taasifame Itiyoophiyaan gama haala qilleensaatiin hojii eegalte cimsuuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.

Sagantaan deeggarsa gamtaa Awurooppaatiin taasifame kun akka lakkoofsa warra Awurooppaatti bara 2019 irraa kaasee amma bara 2022tti kan adeemsifamudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015