Dhaabbanni "Brewtech" Ijaarsa Warshaa Dhugaatii Keenyaa Bevereej Irratti Walii Galtee Walii Mallatteessan

89

Adoolessa 15/2011 (TOI) Dhaabbanni "Brewtech" ijaarsaa warshaa dhugaatii Keenya Bevereej irratti walii galtee walii mallatteessan.

Warshaa dhugaatii “keenyaa” ijaaruuf magaalaa Finfinnee hoteela Ramadaa keessatti walii galteen kan mallatteeffame.

Yeroo dhiyootti ijaarsisaa kan eegalamu yoo ta’u sosochii warraaqsa dinagdee Oromiyaan eegalte keessaa tokko kan ta’e warshaan kun yeroo ammaa qophiiwwan barbaachisan xumuruun dhaabbata biyya Jarmanii Brewtech waliin waliigaltee ijaarsa waliigalaa wallif mallatteessaniiru.

Dhaabbatichis caalbaasii warshichi akka addunyaatti baase mo'achuu isaas Daayiriktarri warshaa dhugaatii keenya obbo Niwaay Magarsaa ibsaniiru.

Ijaarsa warshaa irratti muuxannoo waggaa 50 olii kan qabu warshaan kun, gosa dhugaatii alkoolii fi lallaafaa qabuun adda durummaan mo'achuu danda'eera jedhan.

Warshichi walii galtee kana booda kallattiin hojiitti kan seenamu yoo ta'u, kanneen kaffaltii kaffalamuu qabu guutumaa guutuutti hin kaffaliin akka xumuranis boordiin warshichaa dhaamaniiru jedhuun gaggeeffamaa akka jiru biiroon dhimmoota Komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa gabaaseera.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015