Ministirri Dinagdee Fi Maallaqaa Faransaay Bruunoo Liimeer Itiyoophiyaatti Daawwii Hojii Jalqaban

58

Finfinnee Adoolessa 15/2011 (TOI) – Ministirri Maallaqaa fi Dinagdee Faransaay Bruunoo Liimeer daawwii hojiif Itiyoophiyaa galan.     

Ministirichi daawwii hojiif gara Itiyoophiyaa kan dhufan yoo ta'u, hoji gaggeessa olaanaa daandii qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Tewaldee Gabramaariyaam waliin damee Aviyeeshiniin haala waliin hojjechuun danda'amurratti marii taasisaniiru.   

Ministirri Dinagdee fi Maallaqaa Faransaay Bruunoo Liimeer turtii isaanii Itiyoophiyaatiin muummee ministiraa Doktar Abiyyi Ahimadii fi ministira Ministeera Maallaqaa FDRI obbo Ahimad Shiidee waliin kan mari’atan ta’a.  

Turtii isaaniitiin hoggantoota olaanoo mootummaa waliin Finfinneetti ni mari'atu jedhamee eeggama.  

Daawwiin hojii kunis guyyoota lamaaf kan turu ta'uun beekamee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015