Walloo Kibbaatti lafti heektaara kuma 91 ol jallisiidhaan misoomaa jira 

69


Dasee Amajjii 5/2011 Godina Walloo Kibbaa bona baranaatti lafti heektaarrii kuma 91 fi dhibba 2 fi 30 jallisiidhaan misoomaa akka jiru qajeelchi qonnaa godinichaa beeksise.

Qajeelchichatti ogeessi kuduraa fi muduraa,itti fayyadama bishaan jallisii ob. Sayid Ahimad tajaajila oduu Itoophiyaatti akka himanitti, karooraan kan qabame keessaa amma ammaatti lafti heektaarri kuma 37 karaa aadaa fi ammayyaatiin misoomeera.

Kan hafe misoomsuuf oomishni gannaa sassaabamaa akka jiruu fi hojiin qonnaa hojjetamaa akka jiru ibsameera.

Qonnaan bultoonni kuma 302 ol misooma jallisiirratti hirmaachaa kan jiran yoo ta'u, misooma jallisii kanaaf xaa'oon kuntaala kuma 25 olii fi sanyiin filatamaa kuntaalli 124 hojiirra akka oolu hojjetamaa jira.

Qonnaan bulaan amma dadhabbiisaa akka fayyadamu Yunivarsiitii, hoteelotaa fi abbootii qabeenyaa waliin walitti hidhiinsa gabaa uumamee cimsuuf hojjetamaa akka jiru himaniiru.

Qonnaan bulaan jiraataa aanaa Lagaamboo ganda 020 ob. Syyum Azzanaa laga jallisuudhaan lafa heektaara walakkaarratti garbuu, Abiishii fi qamadii oomishuuf hojjechaa akka jiran dubbataniiru.

Wantoota qonnaaf barbaachisan fayyadamuudhaan marsaa lamaan oomisha kuntaala 30 ol argachuuf karoorsanii hojjechaa akka jiran dubbataniiru.

Misooma jallisii bara darbe adeemsisaniin oomisha midhaaniirraa galii birrii kuma 30 akka argatan beeksisaniiru.

Jiraataa aanaa Kalalaa ganda 032 kan ta'an qonnaan bulaan Mahaammad Alii oyiruu heektaara walakkaarratti Abishii, Goommanaa fi Gaayyoo oomishuuf hojii jalqabuusaanii dubbataniiru.

Godinichatti lafa jallisiidhaan misoomu irraa heektaarri kuma 14tti siqu lafa walitti aanu irraa yoo ta'u, oomishni kuntaalli miiliyoona 11.2 ol ni argama jedhameetu eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015