Aljeeriyaan Shaampiyoonaa Waancaa Afriikaa Taate

83

Finfinnee(TOI) Adoolessa 13/2011Waancaa Afriikaa 32ffaatiin Aljeeriyaan Seneegaal waliin morkattee Waancaa fudhatteetti.

Aljeeriyaan waancaa kana kan argatte rukuttaa adabbii aljeeriyaaf kenname goolii Badagdaad galcheeni.

Senegaal irra deddeebi'uun goolii galchuuf yaalii taasiftus milkaa'uu hin dandeenye.

Taphni kun Istaadiyeemii idil addunyaa Kaayirootti wayita taphatametti deeggartoonni Aljeeriyaa hedduun argamaniiru.

Aljeeriyaan waancaa bara 1990 argatte waliin kan ammaa isa lammataati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015