Ministirri Dinagdee Fi Maallaqaa Faransaayi Itiyoophiyaa Daawwachuufi

124

Finfinnee (TOI Adoolessa 12/2011 Ministirri dinagdee fi maallaqaa Faransaayi Biruunoo Liimeer Wixata dhufu Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii ni taasisu.

Daawwannaan kun Bitootessa 3 fi 4 bara 2011 pirezidaantiin Faransaayi Imaanu’eel Maakiroon daawwannaa Itiyoophiyaatti taasisanitti aanuun kan qophaa’e ta’uu odeeffannoon embaasii Faransaayi Itiyoophiyaatti argamurraa argame ni agarsiisa.

Ministirichi Bruunoo Liimer turtiisaaniitiin ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadii fi ministira maallaqaa kan ta’an Ahimad Shidee waliin akka mari’atan ibsameera.

Mariin kun pirezidaantiin Faransaayi Imaanu’eel Maakiroon Wayita Itiyoophiyaa waliigalteewwan biyyoonni lamaan walii mallatteessan haala hojiitti hiikuun danda’amurratti akka xiyyeeffatu embaasichi ibseera.

Biruunoo Liimer marii itti gaafatamtoota mootummaa waliin taasisaniin alattis daandii qilleensaa Itiyoophiyaa akka daawwatan beekameera.

Ministirri ganna 50 kun baatii Caamsaa bara 2009 irraa kaasee ministira dinagdee fi maallaqaa Faransaayi ta’anii tajaajilaa jiru.

Pirezidaantiin Faransaayi Imaanu’eel Maakiroon Bitootessa 3 fi 4 bara 2011 daawwannaa Itiyoophiyaatti taasisaniin biyyoonni lamaan dameewwan Ittisaa, Saayinsii hawaa, dinagdee fi dameewwan biroorratti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessuunsaanii ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015