Dargaggoonni Kuma 182 Kan Irratti Hirmaatan Hojiin Tajaajila Tola Ooltummaa Godina Gujiitti Jalqabame

56

Nagallee (TOI) Adoolessa 12/2011 Dargaggoonni kuma 182 Kan irratti hirmaaan hojiin tajaajila tola ooltummaa fi lammummaa godina Gujii aanaa, Anaa Sooraatti kaleessa ifatti jalqabameera.

Barattoonni kolleejii fi Yuunivarsiitii hojiin tola ooltummaa kana irratti hirmaataniiru.

Kaayyoon tola ooltummaa kun tajaajila hawaasummaa addaddaa kennuudhaan muuxannoo hojii, walitti dhufeenya cimsuu fi aadaa wal deeggaruu guddisuu fi dirqama lammummaa ba’uuf akka ta’e bakka bu’aan waajjira dubartootaa fi dargaggootaa godinichaa obbo Wagaayyoo Gabriyyee ibsaniiru.

Hojiin tola ooltummaa kun barnoota, bishaan dhugaatii, qabeenya uumamaa, qulqullina naannoo fi dhuunfaa, qonnaa fi tajaajiloota hawaasummaa kanneen biroorratti akka xiyyeeffate ibsaniiru.

Dargaggoonni kuma 182 hojii kanarratti ni hirmaatu jedhameetu eegama

Godinicha aanaa, Anaa Soraatti kaleessa kan jalqabe tajaajila kanarratti dargaggoonni kuma 1 fi 257 hirmaatanii biqiltuu dhaabaniiru, daa’imman harka qalleeyyii 450f deeggarsa meeshaa barumsaa taasisaniiru.

Dargaggoota aanichaa keessaa jiraataan magaalaa Yirbaa fi barataa kolleejii kan ta’e Addisuu Sanbatoo yaada kenneen hojii tajaajila tola ooltummaarratti yeroo lammaffaaf akka hirmaate himeera.

Qabeenya uumamaa kunuunsuu fi kanneen rakkatan gargaaruun akka isa gammachiisu kan dubbate barataa Addisuun, hojii tola ooltummaa kanaan guyyaa afur keessatti biqiltuuwwan baargamoo, Giraaviiliyaanaa fi gaattiraa  200 dhaabuusaa ibseera.

Aanaa kanatti Jiraataan ganda Ma’oo Bakkoo barataa Addunyaa Elemaa  yeroo jalqabaaf kan hirmaate ta’uu himee, biqiltuu dhaabuu fi qabeenya uumamaa kunuunsuun biyya boruuf fooyyee qabdu uumuuf gumaacha guddaa qaba jedheera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015