Manni Maree Cehumsaa Loltuu Fi Humnoonni Walabummaa fi Jijjiiramaa Sudaan Waliigalan

56

Adoolessa 10/2011 (TOI) - Manni maree cehumsaa loltuu fi humnoonni walabummaa fi jijjiiramaa Sudaan walii galtee siyaasaa taasisan.

Waliigaltee kana kan mallatteessan Itiyoophiyaa fi gamtaan Afriikaa qaamoleen lamaan walitti fiduuf yaalii taasisaniini.

Manni maree cehumsaa loltuu Sudaanii fi humnoonni walabummaa fi jijjiiramaa har’a  waliigaltee siyaasaa mallatteessuusaanii ministeerri dhimma alaa ibsa ergeen beeksiseera.

Waliigalteen kun kan mallatteeffame araara buuftonni Itiyoophiyaa fi gamtaan Afriikaa wal ta’uun yaada waliigaltee irratti erga mari’atanii booda.

Mormii ummataa Sudaanitti mudatee fi jijjiirama mootummaa irratti hundaa’uudhaan manni maree loltuu fi humnoota walabummaa fi jijjiiramaa jidduutti waldhabdeen mudatee ture.

Haala kanaan humnoota lamaan walitti fiduu fi mootummaa siviilii hundeessuuf yaaliin ministirri muummee Abiyyi Ahimad  jalqabsiisan yaaliin gamtaa Afriikaa waliin qindoominaan taasifame bu;a qabeessa ta’uunsaa ibsameera.

Haalli kun rakkoo Afriikaa Afriikaanotaan hiikuun akka danda’amuu fi Itiyoophiyaan kutaa Afriikaa bahaatti nagaa fi tasgabbii buusuuf kutannooshee irra deebitee mirkaneessiteetti jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015