Namoonni Bosona Ciran Lama Hidhaa Cimaan Adabaman

73

Ciroo Adoolessa 10/2011 godina Harargee lixaa aanaa Gubbaa Qorrichaatti lafa qonnaa babal’isuuf bosona lafa hektaara tokkoo ol irra ture ciraniiru namoonni jedhaman lama tokkoo tokkoon isaanii hidha cimaa waggaa shaniin akka adabaman murteeffamuu isaa manni murtii aanichaa beeksise.

Abbaan Alangaa aanaa Gubbaa Qorrichaa hawaasni hundi biqiltuu dhaabuuf yeroo itti duulu Adoolessa 2/2011 faayidaa dhuunfaa isaaniif jecha bosona lafa hektaara tokkorra jiru ciraniiru kan jedhaman namoota lama irratti himata baneera.

Namoonni kun ganda Gooroo Baateetti bosona ummataan dhorkame lafa qonnaa babal’isuuf sababa jedhuun shakkamuunii fi laficha faayidaa dhuunfaaf qotuun hojii seeraan alaa raawwataniiru kan jedhu himata abbaa Alangaa manni murtii aanichaa dhaddacha Adoolessa 9/2011 ooleen ilaalamee murtii adabbii dabarseera.

Manni murtichaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf akka ibsetti, himatamtoonni obbo Silashii Kabbadaa fi obbo Nigusuu Sayid jedhaman balleessaa raawwatanii argamaniin himannaa kana ofirraa ittisuu dadhabuu isaaniin murtiin adabbii hidhaa isaanitti cimeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015