Qonnaan Bultoonni Godina Gujii Hir’inni Sanyii Hojii Qonna Arfaasaa Irratti Rakkoo Nutti Uumeera Jedhan

117

Nagallee Adoolessa 10/2011(TOI) -Godina Gujiitti sanyii filatamaan yeroon dhiyaachuu dhabuun rakkoon akka isaan mudate qonnaan bultoonni yaada isaanii Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf kennan ibsan.

Goginichatti qonnaan bulaan jiraataa aanaa Uraagaa ganda Yabitusomee kan ta’an obbo Kabbadaa Barraaqoo akka jedhanitti, waggaa darbe waqtii sanyiin faca’u kanatti rakkoo hir’ina bokkaa fi sababa ilbiisotaan oomisha boqqolloo, qamadii fi garbuu bu’aa gaarii irraa hin arganne.

Bara kana xaa’oo bitanii qophii taasisanis rakkoo hir’inni sanyiitiin hanga ammaatti sanyii hin facaafatiin jiru.

Qonnaan bulaa biraan obbo Shibbiruu Hirphaayee sababa rakkoo hir’ina sanyiin baranas akkuma bara darbee hir’ina oomishaaf ni saaxilamna sodaan jedhu keessa isaanii akka bule dubbataniiru.

Naannoo isaaniitti yeroo ammaa kana waqtiin bokkaa gaariin jiraatus hir’ina sanyii filatamaan yeroon darbaa jiraachuu isaaf yaaddoo qabu.

Rakkoon bara darbee baranas akka hin mudanneef qonnaan bultoota biroo waliin ta’uun qaama ilaallatutti irra deddeebiin gaaffii dhiyeessanis har’a boru dhufa jechurraan kan hafe furmaata akka hin arganne eeraniiru.

Godinichatti waajjira ogeessa misooma qonnaa fi qabeenya uumamaa kan ta’an obbo Bonayyaa Huqaa dhimma kana ilaalchisuun gaafatamanii deebii kennaniin,  qonna gannaaf lafa qophaa’eef sanyii filatamaa kuntaala kuma 4 fi 500 fi xaa’oo kuntaala kuma 65 dhiyeessuuf karoorfamee akka ture ibsaniiru.

Waggaa darbee sadarkaa biyyoolessaatti sababa hir’ina bokkaan sanyii filatamaa baay’isuurratti rakkoo uumameen hanga ammaatti sanyii filatamaa gabaarraa argachuun kan danda’ame kuntaala 230 qofa.

``Naannoo garaagaraarraa sanyii kana gabaarraa barbaadanii bituuf ji’a Caamsaa darberraa eegalee ogeessonni qonnaa aanaa, godinaa fi naannoo yaalii taasisanis hanga ammaatti hin milkoofne`` jedhan. 

Sanyii naannawaa dabalatee gabaarraa hanga argame funaanuun lafa hektaara kuma 160 fi 430 sanyiin uwwisuuf yaalamaa akka jiru ibsaniiru obbo Bonayyaan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015