Ummanni Nageenyaaf Dhaabbachuu Akka Qabu Abbootiin Amantaa Akeekkachiisan

53

Mattuu Adoolessa 9/2011(TOI) -Itiyoophiyaatti sochii jijjiiramaa yeroo ammaa argame itti fufsiisuun guddina waliigalaa fiduuf ummanni nageenya isaa dammaqee eeggachuu akka qabu abbootiin amantaa akeekkachiisan.

Yaa’iin dhaabbilee amantaa Itiyoopiyaa fi bulchiinsi magaalaa Aggaaroo konfiraansiin  misoomaa fi nageenyaa  waliin qopheessan kaleessa magaalaa Aggaarootti adeemsifameera. 

Konfiraansii kanarratti barreessaan waliigalaa yaa’ii dhaabbilee amantaa Itiyoophiyaa Liqe tiguhaan qesiis Taagaayi Taaddalaa akka hubachiisanitti,  biyyattiitti guddinni gama hundaan akka mirkanaa’uuf duudhaalee Itiyoophiyaa ijaaran, aadaa fi seenaa irratti kan hundaa’e hojiin ijaarsa nageenyaa itti fufsiisuun barbaachisaadha.

Lammiileen hunduu waldhaggeeffachuun, walkabajuun, waliin ta’uun, haqaa fi dhiifamaan ijaarsa nageenya biyyattiif ga’ee isaanii akka ba’an dhaamaniiru.

``Itiyoophiyaan kennaa garaagarummaa isaanii fudhachuunii fi kabajuun nageenyaan kan jiraatan biyya ummatoota garaa qulqulluu ti`` kan jedhan qesiis Taagaayi, qaamolee duudhaalee keenya balleessuuf yaalan ofirraa balaaleeffachuun ummanni hundi waliin jiraachuu fi nageenyaaf dhaabbachuu akka qabu hubachiisaniiru.

Barreessaa olaanaan yaa’ii dhaabbilee amantaa naannoo Oromiyaa Paastar Bojaa Amantii gama isaaniin, keessuma biyya guddachuuf yaaliirra jirtu hundumaarra dursee mirkanaa’uufii kan qabu nageenya ta’uu ibsaniiru.

``Tokkoo tokkoon lammiilee manasaarraa eegalee nagaa buusuuf yaalii taasisuu qaba`` kan jedhan paastar Bojaan, misoomni fi guddinni biyyaa kan mirkanaa’u tokkoo tokkoon namaa gatii nageenyaaf kennuun akka ta’e dubbataniiru.

Waldaa Ortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaatti itti gaafatamaan mana amantaa aanaa Gommaa fi magaalaa Aggaaroo qesiis malaaka gannat Kaasee akka jedhanitti, nageenya biyyattii  booressuu fi aadaa waliinii ummattootaa diiguuf qaamoleen yaalan yoo jiraatanis ummanni duudhaa walkabajuu fi waliinii eegee itti fufuu qaba.

Yeroo ammaa dhaabbilee amantaa hundaatti nageenya labsamu hawaasni fudhachuun hojiirra akka oolchuuf kan akeekkachiisan immoo Imaam masjiida magaalaa Aggaaroo sheh Habiib Huseen dha.

Ummanni muummichi ministiraa doktara Abiyyi Ahmad yeroo garaagaraatti ergaa jaalalaa, nageenyaa fi waliinii isaan dubbataniif gatii guddaa kennuun misoomaa fi guddina biyyaaf ga’ee irraa eegamu ba’uu akka qabu ergaa isaanii dabarsaniiru.

Konfiraansii kanarratti yaa’ii dhaabbilee federaalaa fi naannoo akkasumas magaalaa Aggaaroo fi aanaa Gommaa kan dhufan abbootiin amantaa garaagaraa, abbootiin gadaa fi qaamoleen hawaasaa biroon irratti hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015