Qeellem Wallaggaatti barnoota addaan kutanii kan turan manneen barnootaa 235 barumsa eegalufi

100

Adaamaa Amajjii 3/2011 Godina Qeellem Wallaggaatti rakkoo nageenyaa uumameen walqabatee manni barnootaa 235 hojii baruu fi barsiisuu addaan kutanii kan turan Wiixata dhufu eegaluuf akka ta'e waajjirri barnootaa godinichaa beeksise.

Godinicha keessatti manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa , lammaffaa fi qophaa’inaa 509 keessaa 235 hojii baruu fi barsiisuu addaan kutuun isaanii ibsameera.

Hoji-gaggeessaan waajjirichaa obbo Tasfaa Bariisoo Taajaajila Oduu Itoophiyaatti akka himanitti, miidiyaa hawaasaa fi waraqaan tamsa’uun yeroosadaffaaf duula hojii dhaabuu dabarfameen walqabatee manneen barnootaa kun mudde 15 bara 2011 jalqabee hojii isaanii dhaabanii turan.

Kanaarraa ka’uun manneen barnootaa hojii baruu fi barsiisuu addaan kutanii turan kun wiixata dhufu jalqabuuf  hojiin uummata mari’achiisuu fi dadammaqsuu hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Bulchiinsa magaalaa Dambidoollootti hoji-gaggeessaan waajjira barnootaa obbo Gammachuu Raggaasaa ``hojiin baruu fi barsiisuu kan addaan citeef barattootnis ta’e maatiin barumsa jibbanii osoo hin taane nageenyi naannichaa yaaddessaa ta’uu isaatiini``jechuun himaniiru.

Hooggantootni sadarkaa sadarkaan jira dadammaqinsa gandoolee keessatti godhaniin manneen barnootaa magaalicha keessatti argaman 19 keessaa 18kaleessa barattootni argamuu isaanii dubbataniiru.

Wiixata dhufu hojiin baruu fi barsiisuu guutummaa guutuutti ni eegalama jedhamee akka eegamu obbo Gammachuun eeraniiru.

Daayirektarri mana barnootaa sadarkaa lammffaa Qeellem Shaafee Yoonaas dheengaddaa jalqabee fedhiin barattootaa mana barumsaa dhufuu dabaluu isaa ibsaniiru.

`` Dadammaqinsa uummataaf taasifameen kaleessa mooraa mana barumsaatti barattoota muraasa argamaniin barumsi eegaleera`` kan jedhanimmoo Daayirektara mana barumsaa qophaa’inaa Qeellem obbo Zarihuun Asfaaw dha.

Dura taa’aan zoonichaa obbo Taammanaa Hayiluu rakkoo nageenyaa uumame hojiwwan dinagdee fi hawaassummaa irratti dhiibbaa geessiseera jedhan.

``Waajjiraaleen Mootummaa fi dhaabbileen tajaajila kennitootaa hojii jalqabaniiru ``kan jedhan dura taa’aan, zoonichatti rakkoo nageenyaa hiikuun bakka turetti deebisuuf sadarkaa bulchiinsa magaalaa, aanaa figandaatti mariin uummataa adeemsifamaa akka jiru beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015