Itiyoophiyaa Nageenyaa Fi jaalala Misoomaanis Beekamte Dhugoomsuuf Shoorri Dhaabbilee Amantaa Fi Ummataa ol'aanaadha Jedhame - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaa Nageenyaa Fi jaalala Misoomaanis Beekamte Dhugoomsuuf Shoorri Dhaabbilee Amantaa Fi Ummataa ol'aanaadha Jedhame
Aggaaroo Adoolessa 09/2011- Itiyoophiyaa nageenyaa fi jaalala misoomaanis beekamte dhugoomsuuf shoorri dhaabbilee amantaa fi ummataa olaanaa ta’uu gumiin dhaabbile amantaa beeksiseera.
Barreessaan Gumiin Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Liqa Tiguhaan Qasiis Taagaay Taaddalee Itiyoophiyaa nageenyaaf jaalalaan miidhagdee misoomaanis beekamte dhugoomsuuf shoorri dhaabbilee amantaa fi uummata hundaa ol'aanaadha jedhaniiru.
Duudhaa waliin jireenyaa, jaalalaa fi tokkummaa bara dheeraaf nu waliin ture dagaagsinee jijjiirama akka biyyaatti eegalame dhugoomsuuf gahee keenya ni bahanna jedhuun Gumiin Dhaabbilee Amantaa biyyaa fi bulchiinsa magaalaa Aggaaroo waliin ta'uun magaalaa Aggaarootti qopheessan Xumurameera.
Xumura koonfaransichaa irratti ergaa darbeen Magaalaan Aggaaroo qe'ee jaalalaa fi nageenyaa waan taateef tokkummaa bu'uura cimaa qabuun utubnee naannoo fi biyya keenya misoomaan ceesisuuf hojjachuu qabna jedhan kantiibaan Magaalaa Aggaaroo Obbo Eeliyaas Sharafuu
Konfiransicha irratti qooda kan fudhatan qaamoleen ol'aanoo gumii dhaabbilee amantaa Itiyoophiyaa, dureewwan amantaalee, jaarsolii biyyaa dabalatee bakka bu'ootni hawaasa garagaraa waamicha Muummicha Ministeeraa Dr.Abiyyi Ahmad hojiirra ni oolchina jechuun biqiltuu dhaabaniiru jechuun biiroon komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa gabaaseera.