Yaa’iin Caffee 10ffaa Kaadhimamtoota Muudamaaf Dhihaatan Raggaase

116

Adooleessa 09/2011- Yaa’iin Caffee Oromiyaa oolmaasaa guyyaa har’aatiin hooggantoota manneen hojii adda addaaf kaadhimaman raggaaseera.

 Itt Gaafatamaan Waajjira ODP Giddu Galeessaa Obbo Addisuu Araggaa kaadhimamtoota  hoggantootaa Caffeef kan dhiyeessan yoo ta’u, Caffeenis muudama isaanii erga raggaaseen booda kaadhimamtoonni sirna kakuu raawwataniiru. Haala kanaan,

1. Dr.Tolaa Bariisoo Gadaa - Walitti Qabaa Boordii OBN Oromiyaa
2. Dr. Habtaamuu Ittafaa Galataa - Hoogganaa Biiroo Bishaan Oromiyaa
3. Obbo. Dheengee Boruu Qoossii: Hogganaa Biiroo Daldalaa Oromiyaa
4. Obbo Girmaa Hayiluu Tolaa : Hogganaa Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa
5. Obbo Taarraqany Bulultaa Godaanaa : Hogganaa Ejansii Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa
6. Doktor Qana’aa Yaadataa Irranaa : Hogganaa Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaa
7. Obbo Sadaat Nashaa Arabaa: Hogganaa Biiroo Misooma Intarpiraayiziifi Industirii Oromiyaa
8. Obboo Seyifaddiin Mahaadii Abdulkariim: Hogganaa Waajjira Pirezidaantiifi Mana Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa
9. Injinar Dajanee Fiqaaduu H/Goorgis: Daarektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa
10. Aadde Jamiilaa Sinbirruu Tusaa: Hoggantuu Biiroo Dhimma Hojjataafi Hawaasummaa Oromiyaa
11. Obbo Zinaabuu Asraat Simaa: Daarikteetara Ol’aanaa OBN ta'anii muudamaniiru jechuun kan gabaase biiroo dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015