Yaa’iin Idilee 10ffaa Caffee Oromiyya itti fufeera

87

(TOI) Adamaa Adoolessa 9/2011-  Caffeen Oromiyaa Yaa’ii Idilee 10 Waggaa 4ffaa Bara Hojii Caffee 5ffaa Adoolessa 7-9/2011 Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti geggeessaa jiru har’a ni xumura.
Oolmaasaa guyyaa xumraatiin  Wixinee Dambii, Labsii Gurmaa’ina, Hojimaata, Naamusa Miseensotaa fi Sirna Walgahii Caffee lakk. 201/2009 hojiirra Oolchuuf bahe, haala qabatamaa guddinaa fi jijjiirama Caffee fi Mootummaa Naannichaatiin walsimsiisuuf seera tumame irratti mari’atee ni ragaasisa.

Wixinee qajeelfama Faayidaalee Ogeessotaa fi Hoggantoota Mana Hojii Odiitara Muummichaa Oromiyaa Murteessuuf bahe irratti mari’atamuun ni ragaasifama.
Dhumarratis Muudama qophaa’e irratti mari’atee mirkaneessuun walgahiisaa ni xumura jedhameetu eegama jechuun biiroon dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015