Obbo Tamasgeen Xurunaa Bulchaa Naannoo Amaaraaf Kaadhimamaa ta’anii Dhiyaatan

79

Baahirdaar Adoolessa 8/2011 Paartiin Dimokiraasii Amaaraa /ADP/ Yaa’ii koree giddugaleessaa adeemsisaa tureen obbo Tamasgeen Xurunaa bulchaa naannoo Amaaraa akka ta’aniif kadhimummaan dhiyeesse.

Koreen giddugaleessaa kun obbo Yohaannis Buwaayyaaloo itti aanaa dura taa’aa dhaabichaa taasisuun fileera.

Yaa’ii guyyoota darban afuriif adeemsifamaa tureen koreen kun bakka hooggantoota hir’atanii hooggantoota haaraa bakka buuseera.

Haala kanaan kanaan dura godina Goojjam bahaatti bulchaa olaanaa, ejensii odeeffannoo informeeshinii fi nageenyaa daayirektara olaanaa fi kanneen biroorratti hoogganaa olaanoo ta’anii tajaajilaa kan turan obbo Tamasgeen Xurunaa bulchaa naannichaa akka ta’aniif kaadhimummaan dhiyaataniiruu.

Koreen giddugaleessaa kun dabalataan obbo Yohaannis Buwaayyaaloo itti aanaa dura taa’aa dhaabichaa taasisuun kan file yoo ta’u, obbo Tamasgeen Xurunaa fi obbo Aganyaw Tashaaggar hoji-raawwachiiftuu paartii Dimokiraasii Amaaraa fi ADWUIf filamuun isaanii beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015