Namoonni uffata poolisii uffatanii yakka hojjetan to'annaa jala oolan

77

PFinfinnee Amajjii 4/2011 Namoonni uffata poolisii uffatanii yakka hojjetan akka jiran bira ga'uusaa fi kanneen keessaa muraasa to'annaa jala oolchuusaa poolisiin federaalaa beeksise.

Ayyaananni cuuphaa fi wal ga'ii hoggantoota gamtaa Afriikaa  baatii kana adeemsifaman rakkoo nageenyaa tokko malee akka xumuraman qophii gochuusaa komishinarichi beeksisaniiru.

Jeneraal komishinariin komishinii poolisii federaalaa Indaashaawu Xaasoo tajaajila oduu Itoophiyaaf akka ibsanitti, namoonni uffata poolisii uffachuudhaan iddoo addaddaatti yakka hojjetan akka jiran bira ga'ameera, muraasnis to'annaa jala oolaniiru.

Kanneen yakka raawwatan kunneen uffata poolisii karaa addaddaa akka argatan kan dubbatan komishinariin jeneraalaa kun, hawaasni isaan saaxiluudhaan gumaachasaa akka ba'u gaafataniiru.

Uffanni kun uffata raayyaa Itoophiyaa waliin kan walfakkaatu kan biyyoota ollaa waliin yakka ittiin raawwachuuf biyya keessa galuu akka danda'us eeraniiru.

Namoonni muraasni raayyaa poolisii keessa hojjetanis yakak kana keessatti hirmaatanii waan argamaniif to'annaa jala oolanii qorannaan irratti taasifamaa akka jiru komishinarichi ibsaniiru.

Hawaasni namoota yakka wal fakkaatuun shakkaman poolisiitti himuudhaan saaxiluu akka qabus gaafataniiru.

Ayyaanni cuuphaa fi wal ga'iin hoggantoota gamtaa Afriikaa baatii kana adeemsifaman rakkoo nageenyaa tokko malee akka raawwata qophiin taasifamuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015