Caffeen Gabaasa Raawwii Mana Hojii Odiitara Muummichaa Bara 2011 Fi Kallattii Hojii Bara Itti Aanuu Mirkaneesse

156

Adoolessa 8/2011 Caffeen Oromiyaa gabaasa raawwii hojii mana hojii odiitara muummichaa bara 2011 fi kallattii hojii bara itti aanuu dhaggeeffatee bal’inaan erga irratti mari’ateen booda sagalee guutuun Mirkaneesseera.


Odiitara muummichaa kan ta’an obbo Elemaa Qaamphee gabaasa caffeef dhiheessaniin,  manni hojichaa seera qabeessummaa hojiirra oolmaa horataalee mootummaa odiitiin mirkaneessuun odeeffannoo fi yaada odiitii caffeef akka dhiheessu bu’uura seeraa kennamefiin bara bajataa kana keessa hojiiwwan Odiitii garaagaraa raawwataa tureera.


Haaluma kanaan bajata mootummaan dame misoomaa, hawaasummaa fi dinagdeef remade karaa bu’a qabeessa ta’een hojiirra ooluusaa mirkaneessuuf manneen hojii 520 irratti  bara 2011 odiitii garaa garaa  gaggeessuuf karoorfatee manneen hojii 474 irratti raawwachuun isaa gabaasichaan ibsameera.


Manneen hojii bara 2005-2010tti odiitii ta’an 410 argannoowwan odiitii gabaafaman irratti tarkaanfiin fudhatamuusaa hordofuuf karoorfame keessaa 319 hordofuun akka danda’ame ibsameera.


Bara 2012tti manneen hojii sadarkaa naannoo hanga aanaaleetti argaman keessumaa kanneen bajata guddaa sochoosan 540f tajaajila odiitii gosa adda addaa kennuuf karoorfameera. 


Gabaasni Odiitii kun akka agarsiisutti, manneen hojii mootummaa keessatti bulchiinsii fi itti fayyadamni qabeenyaa, maallaqaa fi raawwiin hojiilee hanqina qabaachuusaanii mul’isa.

Kanaan tarkaanfilee sirreessaa fudhachuuf qaawwi bal’aan akka ture ibsameera.

Kanaan walqabatee miseensonni caffee fi mootummaan xiyyeeffannoo kennuun sirreeffamni akka fudhatamu manni hojichaa gaafateera.


Gabaasa kanarratti gaaffii fi yaanni miseensota caffeen ka’eef deebii kennauun kallattii hojii fuulduraarratti erga mari’atamee booda sagalee guutuun mirkanaa’uu isaa biiroon dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015