Itiyoophiyaa Fi Gamtaan Emereetota Arabaa Waliigaltee Doolaara Miiliyoona 100 Walii Mallatteessan

49

(TOI) Adoolessa 8/2011 Itiyoophiyaa fi Gamtaan Emereetota Arabaa hojiilee teekinooloojii fi innoveeshiniif kan oolu walii galtee doolaara miiliyoona 100 walii mallatteessan.

Waliigalteen kun damee teekinooloojii fi innoveeshiniitiin dargaggootaaf carraa hojii uumuuf kan dandeessissudha.

Walitti qabaan boordii dhaabbata Emereetota Arabaa Kaliifaa fand foor intarpiraayiz develooppimantii mister Huseen Alnaayisi fi da’eetaan ministira maallaqaa obbo Admaasuu Nabbabee walii galtee kana mallatteessaniiru.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimadii fi ministirri inniveeshinii fi teekinoloojii Dr. Injiinar Geetaahuun Makuraa Taajjabaa ta’uun argamaniiru.

Walii galtee kana boodas biqiltuu dhaabuun isaanii beekameera.