Manni murti Walii Galaa Oromiyaa Gaaffii Ummanni Tajaajila Seerummaa Fi Haqaa Irratti kaasu deebisuuf Hojjechaa akka jiru beeksise

161

Adaamaa Adoolessa 08/2011- Manni Murti Walii Galaa Oromiyaa gaaffii uummanni tajaajila abbaa seerummaa fi haqaa irratti kaasu deebisuuf karoora riifoormii xinxala irratti hundaa’e baasuun hojjechaa akka jiru beeksise.

Pirezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Kab.Obbo Dasaa Bulchaa gabaasa Caffeef dhiyeessaan keessatti, Manneen Murtii, imala gara sirna diimokiraasiitti taasifamu keessatti qaama abbaa seerummaa cimaa, bilisaa fi gartumaleessa ta’an ijaaruun gaaffii ummanni tajaajila abbaa seerummaa fi haqaa irratti kaasu deebisuuf karoora riifoormii xinxala irratti hundaa’e baasuun hojiitti seenuun isaa kan yaadatamu ta'uu ibsan.

Qulqullina tajaajila abbaa seerummaa fooyyeessuudhaaf, sirnoonnii fi hojimaanni turan rakkoo bal’aa qabaachuun waan hubatameef qorannoodhaan adda baasuun akka fooyya’an taasifamuusaa pirezidaantichi ibsaniiru.

Tajaajila manneen murtiin kennaman irratti itti quufiinsi maamilaa akka waliigalaatti %53 fi amantaan ummataa immoo %55 ta’ee argameera jedhan.

Dhaqqabummaan walqabatee, manneen murtii ergama ifa ta’e qabatanii uummatatti siqanii akka tajaajilaniif aangoon abbaa seerummaa manneen murtii gara oliitti kuufamee ture gara gadiitti akka bu’u taasifameera.

Dhimmoonni 4,701 ta’an tajaajila Viidiyoo Konfiraansiin keessummeessuun akka danda’ame eeranii, Kana malees  lammiin mirga heeraan kennameefitti akka fayyadamuuf namoota 18,844f tajaajilli turjumaanaa kennamuusaa ibsaniiru.

Manneen Murtii horataalee muraasa jirutti qusannaan, sirnaa fi seera eeganii akka fayyadamaniif hojii to’annoo gaggeeffamaa tureen MMO 11 keessatti Qarshii miil. 1tuqaa 34 seeraan ala qisaasame odiitii keessaa taasifameen gara kaazinaa mootummaatti akka deebi’u taasisuun danda’ameera.

Gama biraan, tajaajila abbaa seerummaa bara kana kenname irraa Qar. Mil. 113 tuqaa 6 mootummaaf galii taasifameera.

Gabaasa dhiyaate keessatti itti gaafatamummaa fi naamusa abbootii seeraa mirkaneessuuf abbootii seeraa rakkoo naamusaa cimaa qaban 21 irrati tarkaanfii hojiirra gageessuu fudhachuusaa kan gabaase biiroo dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015