Sochiin Dinagdee Naannoo Oromiyaa Akka Bayyanatu Hojjetamaa Jira --- Pirezidaantii Itti Aanaa Naannichaa

66

Adaamaa (TOI) Adoolessa 7/2011 Mootummaan naannoo Oromiyaa nageenyaa fi tasgabbii ummataa kabachiisuun cinaatti sochiin dinagdee akka bayyanatu hojjechaa akka jiru pirezidaantiin itti aanaa mootummaa naannichaa ibsan.

Pirezidaantiin itti aanaa mootummaa naannichaa obbo Shimallis Abdiisaa har'a yaa'ii idilee caffee Oromiyaa 10ffaa irratti akka dubbatanitti, mootummaan naannichaa nageenya naannichaa kabachiisuudhaan injifannoo argame dinagdeedhaan utubuuf tumsi taasifamaa jira.

Haala kanaan mootummaan naannichaa itti gaafatama ummatarraa kennameef ga'umsaan ba'achuuf hojjechaa akka jiru himanii, keessumaa Oromiyaa lixaa fi godina Gujiitti humnoota hidhatan irratti tarkaanfiin fudhatamaa akka jiru dubbataniiru.

Jiraattota sababa walitti bu'iinsaatiin iddoo addaddaatii buqqa'an miiliyoona 1 tuqaa 4 qe'ee isaaniitti deebisuuf yaalii taasifameen buqqaatota miiliyoona 1 tuqaa 3 deebisuun akka danda'ame obbo Shimallis  ibsaniiru.

Dinagdeen naannoo Oromiyaa bara bajataa kanatti dhibbantaa 9 tuqaa 2 guddachuu isaa kan dubbatan obbo Shimallis, Qonnaan, tajaajilli, industirii fi maanufaakcheriingiin raawwii fooyya'aa galmeessisaniiru.

Bara oomishaa 2010/11 midhaan idilee oomishni kuntaala miiliyoona 155 kan sassaabame yoo ta'u, misooma jallisii si'a lama adeemsifameen oomishni kuntaala miiliyoona 220 ol argamuusaa dubbataniiru.

Wayitii gannaa jalqabame kanatti damee eegumsa qabeenya uumamaatiin biqiltuuwwan miiliyoona 900 ol akka dhaabamuu beeksisaniiru.

Industiriiwwan faalama naannoof sababa ta'an 33 irratti tarkaanfiin fudhatamuu isaa pirezidaantiin itti aanaa kun ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015