Yuunivarsiitiin Finfinnee Barattoota 9637 Gosa barnootaa Addaddaatiin leenjise Eebbiseese

115

Finfinnee Adoolessa  6/2011 Yunivarsiitiin Finfinnee barattoota 9637 gosa barnootaa addaddaatiin leenjise guyyaa har'aa eebbisiiseera.

Yuunivarsiitichi kolleejota 10 fi manneen barnootaa 12tti leenjisaa kan ture barattoota 9637 kan eebbisiise yoo ta'u, kanneen keessaa 2763 dubartoota akka ta'an beekameera.

Yuunivarsiitichi digirii jalqabaatiin barattoota 5876, kan hafan 3761 ammoo sagantaa digirii lammaffaatiin kanneen keessaas 230 digirii sadaffaatiin kan eebbifamanidha.

Barattoota kanneen keessaa 2085 sagantaa galgalaatiin, barattoota 319 sagantaa barnoota faagootiin akkasumas barattoota 1995 sagantaa gannaatiin leenji'anii kan eebbifamanidha.

Kana malees biyyattiif tajaajila guddaa kennuun kan beekaman durfamaa Muftii Hajii Umar Indirisii fi Hoji raawwachiisaa muummee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Tawaldee Gabramaaramiif maaraga doktora kabajaa kenneera.

Bara barumsaa baranaatiin walii gala yuunivarsiitota 32 keessaa barattoonni barattoonni kuma 120 akka eebbifaman odeeffannoon ministeera Saayinsii fi barnoota olaanaarraa argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015