Yaa'iin Idilee 10ffaa Caffee Oromiyaa Adoolessa 07 Bara 2011 Irraa Jalqabee Ni Adeemsifama

105

Adoolessa 5/2011) -Yaa'ii Idileen 10ffaa Waggaa 4ffaa Bara Hojii 5ffaa Caffeen Oromiyaa Adoolessa 07 Bara 2011 irraa eegalee akka gaggeeffamu Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Kabajamoo Addee Loomii Badhoo beeksisan.

Afyaa’iin kun ibsa gaazexessootaaf kennanii akka beeksisanitti, yaa'iin Idilee 10ffaa kun, Adoolessa 07 Bara 2011 irraa eegalee kan banamu yoo ta’u, raawwii Hojii bara 2011 fi kallattii karoora bara 2012 qaamolee mootummaa sadanii fi kan mana hojii odiitara muummichaa Oromiyaa irratti mari'achuun ni raggaasisa jedhamee eegama.

Kana malees raawwii hojii bara 2011 qaamolee raawwachiiftuu mootummaa naannichaa keessatti hojiiwwan gama nageenyaa fi olaantummaa seeraa kabachiisuuf raawwatamaa turan irratti Caffeen Oromiyaa xiyyeeffannaa addaatiin ni qorata jedhamee eegama jechuun ibsa gaazixeessitootaaf kennan keessatti kaasaniiru.

Dubartoonni Miseensota Caffee ta’an Adoolessa 04/2011 Leenjii dandeettii isaanii cimsuu danda'a jedhamee qophaayee fi yaa’ii kokasii isaanii erga gaggeessanii booda miseensota Caffee kanneen hafan waliin ta’uun Adoolessa 05/2011 irraa eegalee ajandaalee yaa’ichaaf dhiyaatan irratti gareen marii taasisaa kan jiran ta'uu ibsan.

Akkasumas Adoolessa 06/2011 waaree booda sagantaan biqiltuu dhaabuu bakka hooggantoonni qaamolee mootummaa sadan argamanitti Miseensota Caffee waliin kan raawwatamu ta’a jedhan.

Kana malees, yaa'in kun, Wixinee Labsii Baajata Dabalataa Bara 2011 fi baajata bara 2012 MNO qarshii biiliyoona 70 ol ta'u, Wixinee Labsii Kenna tajaajila lammummaa, dambii tokkoo fi qajeelfama tokko, akkasumas, muudamoota garaa garaa dhiyaatan irratti gadi fageenyaan mari’achuun ni raggaasisa jedhamee eegama jechuun kan gabaase biiroo dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015