Godina Gujiitti Dhukkuba Daddarboo Ittisuuf Hojjetamaa Jira

91

(TOI) Nagallee Adoolessa 4/2011 Naannoo Oromiyaa godina Gujiitti ji’oota gannaa kanatti namoota miiliyoona tokkoo ol dhukkuba daddarboorraa ittisuuf hojiin ittisaa adeemsifamaa akka jiru waajjirri fayyaa godinichaa ibse.

Ummanni ji’a gannaa kanatti rakkoolee fayyaaf kan nama saaxilan dhukkuboota daddarboo bishaaniin dhufan ofirraa ittisuuf qulqullina dhuunfaa fi naannoo eeguu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru. 

Waajjirichatti ogeessi fayyaa hawaasaa obbo Gazzaaheny Waddeessaa akka jedhanitti,  waytiin gannaa dhukkubni daddarboo akka koleeraa, busaa, gifiraa roobaan yeroo itti mudatani dha.

Qulqullina dhuunfaa fi naannoo eeguu, bo’ii bishaanii cufaman banuu, bakka lolaan ciisu akka yaa’u taasisuu fi qulqulleessuun dhukkuboota bishaaniin daddarban ittisuun ni danda’ama jedhaniiru.

Hubannoo jiraattotaa guddisuun dhibeewwan daddarboo dursanii ittisuuf magaalota Nagallee, Adoolaa fi Shaakkisoo dabalatee godinichatti aanolee 11 miseensota  garee hojii fayyaa 238 ofkeessaa qabu ramadamee sochiirra jira.

Gareen kun abbootii warraa kuma 291f bishaan dhugaatii yaaluun, danfisanii dhuguu, fayyadaminsa mana boolii fi qulqullinarratti barumsa akka kennan ogeessi kun hubachiisaniiru.

Ogeessichi akka ibsanitti, godinichatti ji’oota gannaa hojiin dhukkuboota daddarboo ittisuun namoonni miiliyoona tokkoo fi kuma 200 fayyadamoo ta’u.

Hawaasni torbanitti guyyoota lama naannoo isaa qulqulleessaa waan jiruuf godinichatti bakka muraasatti mallattoon gifiraa argamuurraan kan hafe hanga ammaatti rakkoon fayyaa ulfaataan akka hin mudanne eeraniiru.

Ummanni godinichaa dhukkuboota kana ittisuuf qulqullina dhuunfaa fi naannoo eeguuf yaalii taasisaa jiru aadaa godhatee akka itti fufu ergaa dabarsaniiru.

Jiraattuun magaalaa Nagallee aadde Adaanech Gassasee yaada kennaniin `` ollaa koo waliin walgargaarree naannoo keenya qulqulleessuun dhibeerraa of eegna`` jechuun dubbatan.

Qulqullinni dhuunfaa fi naannoo eeguun waytii gannaa qofa osoo hin taane, barsiifata yeroo hundaa fi aadaa godhachuun dhaabbataan ittisuu akka qabamu eeraniiru.

``Dhukkuba ittisuuf balfa gubuun, mana booliitti fayyadamuunii fi naannoo qulqulleessuun dirqama ta’uu qaba`` kan jedhan immoo jiraataa magaalichaa biroon aadde Maazengaaw Qixaaw dha.

Dhibamanii mana yaalaa deemuurra dursanii of eeggachuun faayidaa olaanaa akka qabu eeraniiru aadde Maazengaaw.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015