Baay’inni Hawaasa Addunyaa Beelaan Miidhamaa Jiruu Waggoota Shan Dura Kan Turerra Dabaluun Isaa Ibsame

68

Adoolessa 3/2011 Baay’inni hawaasa addunyaa beelaan miidhamaa jirauu waggoota shan dura kan tureen wal bira qabamee yoo ilaalamu dabalaa dhufuu isaa gabaasni dhaabbata mootummoota gamtoomanii eereera.

Gabbasni kun akka eeretti, A.L.A bara 2014 beelarraa kan ka’e rakkoof saaxilamee kan tureen yoo ilaalamu lakkoofsi ummata addunyaa yeroo ammaa kana dabaluun isaa beekameera.

Maddi oduu Chaayinaa gabaasa dhaabbatichaa eeruun akka gabaasetti, addunyaan guddinarra jiraattus, lakkoofsi jiraattota ishee beelaan miidhamanii dabalaa dhufeera.

Akka gabaasa galmoota misoomaa iiti fufiinsaa bara 2019 agarsiisutti,  lakkoofsi namoota nyaata madaalawaa argatanii bara 2015 kan ture miiliyoona 784 irraa bara 2017 gara 821 ol guddachuu isaa agarsiisuun yaaddoo rakkinichaa kaa’eera.

Rakkoon kun keessumaa biyyoota Afriikaa Sahaaraa gaditti argaman irratti hammaataa akka ta’e gabaasichi eereera.

Bara 2014 lakkoosfi namoota nyaata madaalawaa argatanii miiliyoona 195 akka ture kan yaadate gabaasni dhaabbatichaa, bara 2017 gara miiliyoona 237tti ol siquu isaa ibseera.

Biyyoonni Afriikaa Sahaaraa gaditti argaman beelli haala olaanaan kan itti babal’atu ta’uu saa agarsiisuun,  dhibba keessaa 20 tuqaa 7 bara 2017 gara 23 tuqaa 2 gadi bu’eera. Biyyoonni kunis irra deddeebiin beelaaf saaxilamoo akka ta’an ibsameera.

Addunyaarratti beelli dabaluun nyaata madaalamaa dhabuun lakkoofsi daa’imman dhukkuba quucharummaaf saaxilamanii dabalaa kan jiru yoo ta’u, dhibbantaan 39 Isiyaa fi 36 biyyoota Afriikaa Sahaaraa gad jiraatani dha jedhameera.

Gabaasni kun akka eeretti, bara 2018 dhibba keessa 8 kan ta’an daa’imman addunyaa waggaa shanii gadii nyaata ga’aa argachuu dhabuun miidhaa garaagaraaf saaxilamaniiru.

Kunis biyyoonni addunyaa bara 2025 dhibba keessa 5, bara 2030 immoo dhibba keessa 3 irratti dhaabuuf galma kaa’an keessaa olaanaa waan ta’eef xiyyeeffannoo akka barbaadu eeraniiru.

Qaqqabinsa bishaan dhugaatii, nyaata madaalawaa fi ga’aa hundumaaf qaqqabsiisuuf yaalii cimaa taasisuun akka barbaachisu gabaasichi cimsee kaa’eera.


Keessumaa oomisha qonnaa giddisuun oomishtoota nyaataa galii muraasa qaban dhukkuba dandamachuu kan dandeessisu tooftaa qonnaa diriirsuun akka barbaachisu gabaasni kun eereera.

Ummanni walitti bu’insaaf saaxilamoo ta’uun isaa, miidhaa jijjiiramni qilleensaa geessisuu fi sadarkaa idil addunyaatti dinagdeen gadi bu’uun rakkoo kana itti caalchisaa jira.

Biyyoonni addunyaa beela gara zeerootti gadi buusuuf, magaalota itti fufinsa qabu uumuu fi hojii jijjiirama haala qillensaa dabalatee galma misoomaa 17  milkeessuuf yaalii cimaan akka barbaachisu gabaasni waggaa misooma itti fufinsa qabuu ibsuu isaa Maddi Oduu Chaayinaa yaadachiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015