Chaayinaan Itiyoophiyaatti Riqicha Dheeraa Ijaaruufi

49

Adoolessa 3/2011 (TOI) Itiyoophiyaan bajata doolaara miiliyoona 49n riqicha dheeraa ijaarsisuuf akka jette Fees Too Fees Afriikaan weebsaayitiisaarratti gabaaseera.

Ijaarsisaa kubbaaniyyaa konistiraakshinii Chaayinaa ‘CCCC’n kan raawwatamu yoo ta’u, Kubbaaniyyaan kun ijaarsaa fi diizaayinii riqicha kanaa ilaalchisee mootummaa Itiyoophiyaa waliin walii galtee mallatteessuusaanii gabaasni kun mul’iseera.

Riqichi naannawa Bahaardaar laga Abbayyaarratti ijaaramu kun waggoota sadii keessatti xumuramuu akka danda’udha kan  karoorfame.

Riqichi kun  meetira 21.5 kan bal’atuu fi  toora sadii kan qabu yoo ta’u, daandii biskiliitii, komkolaataa fi daandii lafoo akka qabaatu gabaasni kun mul’iseera.

Baasiin pirojektii kanaa guutummaatti kan danda’u mootummaa Itiyoophiyaa akka ta’es gabaasni kun eereera.

Riqichi Baahirdaar Abbaayyaarratti ijaaramu kun wayita xumuramu Itiyoophiyaatti riqicha isa dheeraa akka ta’uu fi baatii Onkoloolessaa bara 2006 tiraafikaaf banaa akka ta’e  meetira 319 kan dheeratu riqicha laga Bashiloo akka caalu gabaafameera.

Kubbaaniyyaan Konisiraakshinii Chaayinaa ‘CCCP’n pirojektoota biyya keenya keessatti ijaaraman isaan gurguddoo kan ijaaru yoo ta’u, dhaabbanni guddaan kun paarkii industirii Kombolchaa, biyya keenyaaf kan jalqabaa kan ta’e daandii si’aayinaa Finfinnee-Adaamaa, Daandii Afriikaa naannawa Booleetti argamu, daandii Baaburaa Mi’eessoo-Jibutii, akkasumas hojii babal’isa buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Boolee hojjechaa akka jiru gabaasni kun hubachiiseera.

Wayita ammaas kubbaaniyyaan kun adeemsarra kan jiran daandiiwwan gurguddoo afur hojjechaa kan jiru yoo ta’u, kanneen keessaa daandii buufata Xiyyaaraa Hawaasaa bishaan gurraachaa waliin wal quunnamsiisu, ijaarsa daandii Jigjigaa irraa hanga Galash, ijaarsa daandii Carartii hanga  Hagar Makkor, fi ijaarsa daandii Arsii Nagallee hanga Hawaasaa jiru hojjechaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015