Falmitoonni Sudaan Garagarummaa Isaanii Nagaan Akka hiikkatan Yaalii Itiyoophiyaan Taasiftu Fiinlaand Dinqisiifatte

50

Adoolessa 3/2011(TOI) Humnoonni falmitootaa Sudaan garaa garummaa isaanii nagaan akka hiikkatan yaaliin Itiyoophiyaan taasiftu kan jajjabeeffamu ta’uu ministirri dhimma alaa Fiinlaand dubbatan.

Ministirri muummee Dr.Abiyyi Ahimad ministira dhimma alaa Fiinlaand Peekaa Haaviiston waajjira isaaniitti simatanii haasofsiisaniiru. 

Ministirichi wayita akan akka jedhanitti Fiinlaand Itiyoophiyaa waliin michooma cimaa akka qabdu ibsanii, Itiyoophiyaan dameelee barumsaa fi waa uumuutiin hojii hojjettuun biyyisaanii deeggarsa taasisaa akka jirtu dubbataniiru.

Hojiiwwan jijjiiramaa Itiyoophiyaa keessatti hojjetamaniin Fiinlaand gammachuu akka qabdu dubbataniiru.

Haalli kun akkanaan itti fufnaan Itiyoophiyaanotaaf badhaadhinnii fi carraan hojii kana caalu akka uumamu amantaa qaban ibsaniiru.

Humnoonni falmitootaa Sudaan garaa garummaasaanii nagaan akka hiikkatan Itiyoophiyaan hojii hojjetaa jirtutti biyyisaanii gammachuu akka qabdu ibsaniiru.

Gama kanaan ga’ee ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gumaachan dinqisiifataniiru.

Pirezidaantiin Fiinlaand Saawulii Niniistoo dhiheenyatti Itiyoophiyaa daawwachuuf akka karoorfatan ministirri dhimma alaa Fiinlaand dubbataniiru.

Oduu wal fakkaatuun ministirrri muummee Dr.Abiyyi Ahimad ministira biyya alaa Kooriyaa Kaangi Yoongi Waan waajjirasaaniitti simatanii haasofsiisaniiru.

Mariin kun waggoota dheeraa kan ture hariiroon biyyoota lamaanii caalaatti haala cimurratti kan xiyyeeffate akka ta’e ibsameera.

Ministirri dhimma alaa Kooriyaa wayita waraanni biyyattii keessa turetti Itiyoophiyaan loltoota ergitee deeggarsa akka taasifte yaadatanii, haalli sun michummaan biyyoota lamaanii kan itti jalqabame ta’uusaa dubbataniiru.

Kooriyaa fi Itiyoophiyaan Kutaa isaanii keessatti nageenyi akka bu’u xiyyeeffatanii hojjechaa akka jiran kaasaniiru.

Haalli wal fakkaataan kun biyyoonni lamaan caalaatti walitti dhufanii akka hojjetan carraa gaarii akka uumu ibsaniiru.

Marii kana kan hordofan itti gaafatamaan pirees sekireetariyaatii waajjira ministira muummee obbo Nugusuu Xilaahuun Itiyoophiyaanonni Kooriyaa deemanii haala carraa barumsaa fi leenjii itti argatan irratti mari’atamuusaa dubbataniiru.

Itiyoophiyaan hojmaata Gumuruukaa fi Galii ammayyeessuuf yaalii taasiftu ilaalchisee deeggarsi Kooriyaa maal ta’uu qaba kan jedhurratti mari’atamuusaa eeraniiru.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Kooriyaa Akka daawwatan afeerraa dhihaateef fudhachuusaanii dabalanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015