Bulchiinsa Magaalaa Buraayyuutti Sochiin Investimantii Daawwatame

78

Adoolessa 3/2011 Mootummaan naannoo Oromiyaa guddina dinagdee naannichaa ariifachiisuuf Investimantiiwwan hojiirra jiran jajjabeessuu fi haaraa simachuuf xiyyeeffannoo kennee hojjetaa akka jiru ibsameera.

Jilli aanga’oota olaanoo naannichaa haala sochiilee Invastimantii magaalaa Buraayyuu daawwateera.

Kaayyoon daawwannaa kanaa haala sochii invastimantii magaalotaa xiinxaluun jajjabeessuu fi rakkoolee hojiirratti mudatan sakatta’anii furmaata kennuuf akka ta’e dursaan jila daawwannaa kanaa Kan ta’an gorsaa olaanaa mootummaa naannichaa obbo Awwaluu Abdii himaniiru.

Abbootii qabeenyaa misooma Invastimantiiwwan garaagaraarratti bobba’uun ofiifis ta’e hawaasa naannichaa fayyaduun guddina naannichaaf ga’ee isaanii ba’aa jiran mootummaan cinaa dhaabbatee akka jajjabeessu mirkaneessaniiru.

Mootummaa naannoo Oromiyaa warraaqsa dinagdee eegale milkeessuuf babal’ina Investimantii irratti xiyyeeffannoo kennee hojjetaa jira jedhan obbo Awwaluun .

Jilli kun Warshaalee garaagaraa daawwachuun sochii isaan irra jiran qorachuun rakkoolee jiraniif kallattii furmaataa kenneera.

Qorannoo kanaan invastimantiiwwan hojiirra jiran lammiilee baay’eef carraa hojii uumuu, rakkoolee bu’uraalee misoomaa furuuf hirmaannaa taasisuun hawaasa naannichaa fayyadaa jiraachuun isaanii akka ciminatti eerameera jedhan.

Abbootiin Qabeenyaas jila kanaaf yaadaafi gaaffii dhiheessaniin akka dubbatanitti, yeroo ammaa jijjiirama biyyattiitti dhufee  fi haalli nageenyaa fooyya’aa jiru invastimantiif bu’uura akka ta’e ibsanii, guddina biyyaaf ga’ee nurraa eegamu ba’aa jirra jedhan.

Haaluma kanaan magaalaa Buraayyutti abbootii qabeenyaa 769 galmaa’an  keessaa hojiirra kan jiru 458 dha.

Abbootii qabeenyaa lafa fudhatanii hojii hin jalqabnee fi maqaa invastimantiin lafa qabatanii osoo hin misoomsiin jiran irratti mootummaan tarkaanfii akka fudhatus himaniiru.

Daawwannaan kun magaalota Sabbataa, Bishooftuu, Duukam, Galaan, Adaamaa, Laga xaafoo-Laga Daadhiitti taasifameera.

Daawwanicharratti hooggansi bulchiinsa magaalota kanneenii argamuun milkaa’insa sochii Investimantii naannichatti gaggeeffamaa jiruuf kallattii hojii fudhataniiru jechuun biiroon dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015